AMN PLUS- Mudde 23/2018
Qabeenya buna Itoophiyaa, aadaafi duudhaa baroota dheeraaf hawaasni waliin qabu gabaa Tuurizimii addunyaa keessatti dorgomaa akka ta’uuf deeggaruu keessatti gaheen miidiyaalee Olaanaa ta’uu ibsameera.
Firoomaa yeroo dheeraa hawaasni Itoophiyaa buna waliin qabufi qabeenya bunaa biyyattin qabdu addunyaaf beeksiisuu keessatti qooda olaanaa kan gareen miidiyaalee Itoophiyaa qopheessummaa ministira Turiizimiitin Godina Jimmaatti Oomisha Buna Godiniichatti argamuu daawwannaa taasisaa jira.
Daawwannicha irratti kan argaman Hoggannaan Waajjira Aadaafi Tuurizimii Godina Jimmaa Obbo Nuumeerrii Abbaa Tamaam oomishni bunaa hawaasa Godina Jimmaa biratti akka madda diinagdee ijootti qonnaan bultoota godinichaa kan tajaajiluu ta’uu dubbataniiru.
Seenaa keessatti walitti hidhamiinsi hawaasni Godina Jimmaa Buna wajjin qabu cimaa ta’uu eeruun, qabeenya qaalii Itoophiyaan gabaa addunyaa keessatti ittiin beekamtuu kana yeroo gaddaafi gammachuus bunatti dhimma kan bahu ta’uu Obbo Nuumeerrii Abbaa Tamaam ibsaniru.

”Qabeenya Bunaafi walitti hidhamiinsa aadaa hawaasni Godina Jimmaa buna wajjin qabu akka gahumsa Tuurizimiitti tajaajiluufi waltajjii addunyaa irratti sirnaan akka beekamuuf hojiin beeksisuufi hubannoo uumuu hojjetamaa jira” jedhan.
Keessumattuu Godinachatti Sadarkaa oolaanaatti oomishtoota Buna kanneen ta’an oomisha isaanii kallattiin gabaa alaatiif akka dhiyyeessaniif mootummaan carraa bal’aa kan mijeesse ta’uu Obbo Nuumeerriin himaniru.
Oomishni Bunaa Godina Jimmaatti Oomishamuu qulqullinaan gabaa Turiizimii bunaa addunyaa keessatti dorgomaa akka ta’uuf oomisha bunaa maasii keessaa eegalee hanga gabaaf dhiyaatuutti adeemsa isaa irratti qonnaan bultootaaf gorsi ogeessaa kan kennamuu ta’uus ibsameera.
Gareen Miidiyaalee daawwannaa Tuurizimii Bunaa Godina Jimmaatti taasiseen aanaa Gommaatti gandoota naannawwa magaalaa Aggaarootti argman kanneen akka Bashaashaafi Coocee Kattaa Muuduggaatti hoggansa Godiniichaa walii ta’uun daawwataniru.
Kaasiyyee Maanguddaatu gabaase