Misoomni Kooriidarii Finfinnee Tajaajila Geejjibaa Ammayeessuun dhamaatii daandiirraa hambiseera- Jiraattota

You are currently viewing Misoomni Kooriidarii Finfinnee Tajaajila Geejjibaa Ammayeessuun dhamaatii daandiirraa hambiseera- Jiraattota

AMN PLUS- Guraandhala 13/2018

Misoomni Kooriidarii Magaalaa Finfinnee miidhagina magaalattii dabaluu irra darbee tajaajila geejjibaa ammayyeessuun rakkoo sochii tiraafikaa irratti mudachaa ture kan fure ta’uu jiraattotni AMN’f yaada isaanii kennan himaniiru.

Keessumaa misoomni naannawaa Muujjaa (Shiroo Meedaa) fi Daalattii (Araat Kiiloo) tti mul’ate bu’uura misoomaa geejjibaa ammayyeessuun gara boqonnaa haaraatti kan ceesise ta’uu jiraattotni kunneen ibsaniiru.

Rakkoo dhiphina daandii Kanaan dura mul’achaa tureen rakkoon tiraafikaa mudachaa akka ture yaadachiisuun kunis jiraattota irratti gaaga’ama akka uumaa ture dubbataniiru.

Yeroo ammaa daandiiwwan sadarkaa isaanii eeggatan sababuma misooma kooriidarii kanaan ijaaramaa jiraachuu kaasuun, keessumaa daandiin naannawaa Araat Kiiloo/Daalattii abbaa sarara 6 ta’uun hojjatamuun isaa sochii tiraafikaa si’eessuurra darbee sirna geejjibaa kan ammayyeesse ta’uu ibsaniiru.

Milkaa’inni ijaarsa daandiin argame guddina magaalaa Finfinneef murteessaa ta’uu kaasuun daandiiwwan lafa deemtotaaf hojjatamanis yaaddoo balaa tiraafikaa tokko malee socho’uu akka danda’an haala mijeessuu dubbataniiru.

Hojiin milkaa’aa bu’uura misoomaan hojjatame kun qindoomina mootummaafi ummataan hojjatamuu eeruun keessumaa obsaafi deeggersi jiraattotni agarsiisan misooma kanaaf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Walumaa galatti misoomni kooriidarii kun Finfinnee jiraattota isheef mijattuu, daawwattootaaf ammo hawwattuu taasisuuf galma qabame milkeessuuf hojii eegalameen jijjiiramni guddaan mul’achuu isaaf ragaa qabatamaa ta’uu jiraattotni AMN Sagaleen Dhalootaa dubbisee himaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply