‎Finfinneetti sirna Daldalaa keessaa faddaaltota baasuun oomishtootaa fi shamattoota fayyadamoo taasisaa jiraachuun ibsame

You are currently viewing ‎Finfinneetti sirna Daldalaa keessaa faddaaltota baasuun oomishtootaa fi shamattoota fayyadamoo taasisaa jiraachuun ibsame

‎AMN PLUS- Mudde 24/2018

‎Hoggantuun Itti Aantuu Biiroo Hojii fi Ogummaa Magaalaa Finfinnee Aadde Daagimaawwit Girmaa “Finfinnee keessatti gabaa tasgabbeessuuf oomisha qulqullina isaa eeggateefi faddaaltota bu’aa hin malleef hojjatan jidduu baasuun, oomishtootaa fi shamattoota wal qixa fayyadamoo taasisaa jirra” jedhan.

‎Hoji Gaggeessituun Olaantuu Kutaa Magaalaa Nifaa Silki Laaftoo Aadde Kaabaa Mabiraatuu gama isaaniin, Oomisha gahaa gatii madaalawaan dhiheessuun fayyadamtootni fi shamatootni wal qixa akka fayyadamaniif hojjatamaa jiraachuu dubbatan.

‎Agarsiisa daldalaa fi baazaarii kutaa magaalichaatti har’a wayita banan Aadde Mabiraateen, Ayyaana Qillee Bara 2018 irratti oomishni gahaan akka jiraatuuf hojjatamuu ibsaniiru.

‎Intarpiraayizoonni Maaykiroo fi Xixiqqaa, Indastariiwwanii fi Oomishtootni oomishaalee qonnaa, bu’aalee Aannanii fi hojii harkaa gabaaf dhiheessuun gatii madaalawaan Shamatootni akka argataniif qophii gahaa taasisuu himaniiru.

‎Kutaa magaalichaatti gabaa tasgabbeessuu fi qaala’insa jireenyaa hir’isuun jiraattota fayyadamoo taasisuuf Giddugala Gabaa Laaftoo dabalatee gabaawwan Sanbataafi Dilbataa 23 irratti oomishaalee gahaa dhiheessaa jiraachuus kaasaniiru.

‎Oomishtoonni haasofsiifne tokko tokko akka jedhanitti Ayyaana Qillee bara kanaaf oomishaalee gahaa qabatanii dhihaachuu fi bakka gurgurdaa argachuu isaanii dubbataniiru.

‎Agarsiifni Daldalaa fi Baazaarii kun guyyaa shaniif kan turu ta’uu saganticha irratti ibsameera.

‎Bayyanaa Taaddasaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply