Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee daa’imman miidhama qaamaa qabaniif deggersa whiilcherii taasisaniiru.
Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin, “Finfinneen Afrikaatti daa’imman guddisuuf magaalaa mijattuu fi filatamtuu akka taatuuf hojiin eegalle bu’aa agarsiisaa jira” jedhan
Sagantaa Misooma dursi ijoollummaaf jedhuun hojiirra oolaa jiruum daa’imman miidhama qaamaa qaban bakka garaa garaatti adda baafamanii fi haala wal xaxaa keessatti argaman 117’f wiilcheroota haala addaan qopheeffaman deggersaan kennuu beeksisaniiru.
Wiilcherootni kunneen akkaataa miidhama qaamaa daa’immaniitti hojjatamuu ibsuun mijataafi deggersa bu’a qabeessa akka kennan taasisuu Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.
Gara fuulduraattis daa’imman biroo tajaajilicha hin arganna bira gahuuf kutannoon akka hojjatan kaasaniiru.
Qaamolee hojii gaarii kana qindeessanii fi waliin hojjatan, keessumaa Innisheetivii Kiliintan Heelzi Akses jedhamu maatii daa’imman kanneenii bakka bu’uun galateeffataniiru.