Agarsiisni Faashinii Seenaan qophaa’ee, uffatootni aadaa biyya keenyaa 120 irratti agarsiifaman magaalaa Finfinnee Giddugala Konvenshinii Idil-Addunyaa Addisitti adeemsifameera.
Hoggantuun Itti Aantuu Biiroo Aadaa fi Ogummaa Magaalaa Finfinnee Lubaabaa Jamaal Dhalootni uffatni aadaa biyyaa miidhagsuufi kan nama boonsu tahuu hubatee hojjataa akka jiru ibsaniiru.
”Sababaa ammayummaa Eenyummaa keenya akka hin dhabneef agarsiisotni akkanaa murteessoodha” jechuun dubbataniiru.
Mootummaan innisheetiviiwwan “Itoophiyaan haa oomishtu” jedhamanii oomishaalee biyya keessaa jajjabeessaa akka jiru kan ibsan Lubaabaa Jamaal, hojiin harkaa, xiyyeeffannoo addaa argachuun damee Tuurizimii guddisaa akka jiru kaasaniiru.
Qopheessituun Agarsiisa Faashinii ‘Kan Seenaa 2026’ Seenaa Girmaa “sagantaan kun kan qophaa’eef uffata aadaa beeksisuun lammiileen uffata kana kan guyyuu uffatan taasisuufi” jetteetti.
Damee kanaanis modeelotaafi dizaayinaroota uffataa haaraa jajjabeessuun carraa hojii dabalataa babal’isuuf akka fayyadu ibsiteetti.
Modeelotni waltajjii kana irratti hirmaatan sagantaan akkanaa dorgommiiwwan idil addunyaa gara fuulduraatti irratti qooda fudhachuuf karoorsaniif muuxannoo gaarii kan irraa argatan ta’uu himaniiru.
Taammiruu Damisseetu gabaase