Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Hospitaala Dhuunfaa ‘Habarii’ eebbisuun hojii eegalchiisaniiru.
Kantiibaa Adaanech saganticha irratti haasaa taasisaniin, Magaalaan Finfinnee Tuurizimii Fayyaa babal’isuuf gama mootummaafi dhuunfaatiin hojiiwwan lakkaa’aman hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Hojii Finfinnee Giddu Gala Tuurizimii fayyaa taasisuuf, bulchiinsi magaalichaa qabatee hojjechaa jiru keessatti gaheen dhaabbilee fayyaa dhuunfaas olaanaa waan ta’eef deeggersa barbaachisu kennuuf qophii tahuu Aadde Adaanech ibsaniiru.
Hospitaalli Habarii wal’aansa Fayyaa kanaan dura biyyoota alaatti kennamaa ture biyya keessatti kennuu eegaluun isaa baasii sharafa alaa hir’isuun dabalata, tuurizimii fayyaa babal’isuuf shoora olaanaa qabaa jedhameera.
Hospitaalichi meeshaalee yaala fayyaa ammayyaa’oofi teeknooloojiin deeggeramee tajaajila waan kennuuf tajaajilamtootni biyyoota ollaa gara magaalaa Finfinnee dhufanii yaala fayyaa barbaadan akka argataniif ulaagaa kan guutu tahuun eerameera.

Hundeessaa fi Hoji-Gaggeessaa olaanaan Hospitaala Habarii, Dooktar Akkazaa Xa’aamee lammiileen biyya keenyaa yaala fayyaa olaanaa argachuuf gara biyya alaatti deemuun baasiin baasan waggaa waggaan doolaara Biliyoona Tokkoo olitti akka tilmaamamu himaniiru.
Hospitaalli Habarii yaala olaanaa lammiileen barbaadan, asuma biyya keessatti kennuuf, tajaajila Ispeeshaalitii 15 ol qabatee dhihaachuu eeranii,tajaajilli yaala fayyaa olaanaan akkasii damee dhuunfaatiin biyya keenyatti kan jalqabaa ta’uu ibsaniiru.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqidas Dhaabaa, saganticha irratti haasaa taasisaniin, waliin ga’iinsa tajaajila fayyaa biyya keenyaa keessatti gaheen dhaabbilee fayyaa dhuunfaa olaanaa ta’uu dubbataniiru.
Mootummaanis lammiileen tajaajila fayyaa qulqulluufi ammayyaa’aa akka argataniif karoora hiixataa waggoota 15 baasuun hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Ministeerri fayyaas Kenniinsa tajaajila fayyaa dhaabbilee dhuunfaa fooyyessuuf, ogeessota leenjisuun deeggersa barbaachisaa akka taasisu waadaa seenaniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase