Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu tarree pirojektoota guguddoo Buufatalee Xiyyaaraa Sadarkaa Addunyaatti ijaaramaa jiran keessatti hammatame.
Fuulli Miidiyaa hawaasummaa ‘Construction Briefing’ jedhamu baasii pirojektootaa, lakkoofsa balallii keessummeessanii fi lakkoofsa Tarminaalaa bu’uura godhachuun buufataalee xiyyaaraa guguddoo Addunyaarratti ijaaramaa jiran 15 ifoomseera.
Haaluma kanaan Buufaata Xiyyaaraa Bishooftuu dabalatee kan Awustiraaliyaa Piriiz, Kan Hindi, Nooyidaa, akkasumas kan Ameerikaa Saanfiraansiskoo fi Saandiyaagoon tarree kana keessa jiraachuun eerameera.
Akka odeeffannichaatti Buufanni Xiyyaaraa Bishooftuu Teeknooloojii, Diizaayinii, Lakkoofsa Tarminaalaa fi kannneen biroon buufataalee xiyyaaraa biroo wajjiin walitti hidhamiinsi qabu Buufataalee xiyyaaraa Idil Addunyaa keessaa tokko akka ta’uuf dandeessisa jedheera.
Piroojektichi Dhaabbilee garaagaraa, gorsitoota teeknikaa,mahaandisootaa fi ogeeyyii Bulchiinsa pirojektii fi hordooftoota kan of keessaa qabudha.

Hojii gorsaa ijaarsicha kan raawwatan gorsitoota pirojektii ‘Zaha Hadid Architects fi Dar Al Handasah’ akka ta’an eerameera.
Ijaarsi sadarkaa jalqabaa Piroojekticjaa bara faranjoota 2029 wayita xumuramuu imaltoota miiliyoona 60 kan keessummeessu yoo ta’u, ijaarsi boqonnaa 2ffaa wayita xumuramuufi humna guutuun tajaajila kennuu eegalu imaltoota biyyoota garaagaraa miiliyoona 100 fi miiliyoona 10 kan keessummeessuudha.
Dandeettiin kun Buufata xiyyaaraa guddicha kan isa taasisuudha.
Hojiin Diizaayinii Buufatichaa xumuramuun ibsameera.
Buufanni xiyyaaraa kun dandeettii Ityoophiyaan karra galuumsaa aviyeeshinii ardii fi idil-addunyaa ta’uuf qabdu cimsuu irra darbee walitti hidhamiinsi naannawaa fi ardiichaa akka guddatuuf gumaacha olaanaa qabataa jedhamee abdatama.
Karoorri Pirojektichaa Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Obbo Masfin Xaasew Baankii Misooma Afrikaa fi Gorsaan Piroojektii Daar Al Handashi fi Qooda fudhattoonni argamanitti gaggeeffamuun ni yaadatama.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan obbo Masfin Xaasew Wayita kana akka jedhanitti, Ijaarsa Piroojekticharratti dhaabbileen biyya keessaa fi alaa 40 ol ni hirmaatu.
Ijaarsi Buufata Xiyyaara kanaa guddina diinagdee biyyattiif gahee olaanaa qabaachuu irra darbee Afrikaaf oduu gammachiisaa ta’a jedhamee eegama.
Ijaarsi Buufata Xiyyaara Bishooftuu dhiheenya bakka hoggantoonni Olaanoo Mootummaa argamanitti ni eegala.