Ayyaana Jijjiirraa Bara Haaraa Saba Halaabaa “Seeraa” sababeeffachuun Simpooziyeemiin Magaalaa Halaabaa Qullittootti adeemsifamaa jira.
Simpooziyeemii kana haasawaan kan saaqan Af- Yaa’iin Mana Maree Godina Halaabaa Obbo Mahaammad-Amiin Mahaadii Mootummaan Jijjiiramaa Federaalizimiin dhugaa hojiitti hiikuufi fayyadamummaa haqa qabeessa lammiilee qabatamaan mirkaneessaa jiraachuu ibsaniiru.
Ayyaanni Seeraa sirna bulchiinsa siyaas- diinagdee fi hawaasummaa dhalootaa dhalootatti darbaa dhufeefi calaqqee eenyummaa sirna bulchiinsa aadaa Saba Halaabaa tahuu ibsaniiru.
Mootummaan Jijjiiramaa Federaalizimii dhugaa hojiirra oolchaa jiraachuu isaan, Naannoon Jiddu Galeessa Itoophiyaa hundeeeffamuun, Naannicha keessatti Sabni Halaabaas eenyummaafi Aadaasaa akka guddifatuufi kunuunfatu taasisaa jiraachuu dubbataniiru.
Sirni Bulchiinsa Aadaa “Seeraa”n sirna cimaafi gadi fagoo duudhaa gaarii hariiroo uummatichaafi saboota biroo jidduu jiru itti qajeelchu, naamusaafi sansakkaa dhalootaa ittiin Hornogu tahuu himaniiru.
Sirni kuni Duudhaalee ijoo lama kan of keessaa qabu tahuu kan ibsan
Af -Yaa’ichi inni duraa Jijjiirraa bara haaraa sabichaa, inni lamataa immoo cee’umsa umrii ijoollee Sabichaa akka tahe ifoomsaniiru.
Sirni Ijoolleen Ittiin sirnicha baratanii gara nama guddaatti ittiin cee’an ykn hulluuqan “Naqataa”, Sirna Goota Ittiin faarsaniifi jajjabeessan, akkasumaas Dabeesa itti qeeqan “Qaalaa” fi Sirna Ollaa waliin ittiin jiraatan ykn Hariiroo Sabichaafi Saba Halaabaa ittiin taligan “Hugateen” fakkeenya eeraman muraasa tahuu ibsaniiru.
Af – Yaa’iin Mana Maree Godinichaa Mahaammad-Amiin itti dabaluun Duudhaa Abbootii kaleessaa sona guutuu waliin Dhaloota dhufutti dabarsuun dirqama Dhaloota har’aa tahuu hubachiisaniiru.
Mahaammad Toofiq tu gabaase