‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Pirezidaantii Jibuutii waliin mari’atan

You are currently viewing ‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Pirezidaantii Jibuutii waliin mari’atan

‎AMN PLUS- Amajjii 3/2018

‎Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Pirezidaantii Jibuutii Ismaa’el Oomaar Giileeh waliin mari’ataniiru.

‎Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, “har’a ganama wayitan Jibuutii gahu Kabajamoo Pirezidaanti Ismaa’el Oomaar Giileeh simannaa naaf taasisaniiru” jedhan.

‎Pirezidaanticha waliin mari’achuu kaasanii, mariin isaanii dhimmoota ji’oopolatiksii, nageenyaafi tasgabbii naannawaa akkasumas tumsawwan gamlamee keessumaa dameewwan daldalaa, loojistiksiifi hojiilee misoomaan qaban haala cimsuun danda’amurratti kan xiyyeeffate ta’uu eeraniiru.

‎Dooktar Abiyyi “Kunis nageenyaafi tasgabbii, walitti hidhamiinsa diinagdeefi badhaadhina waloo irratti ejjennoo waloo cimaa qabnu agarsiisa” jedhan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply