Dura Taa’aan Itti Aanaa Dhaabbata Uummataa Amaaraa Faannoo fi Ajajaan Waraanaa Olaanaa garichaa Koloneel Fantaaw Muhaabbaa waliigaltee nagaa mootummmaan dhaabbaticha waliin taasise hordofuun loltoota isaa waliin filmaata nagaa simachuun galuun isaanii ibsame.
Koloneel Fantaaw Muhaabbaa qindeessummaa Gamtaa Afrikaa fi IGAD’n waliigaltee nagaa taasifamee hordofuun waliigaltee nagaa kana simachuun loltoota isaa waliin akka gale Kominikeeshiniin Naannoo Amaaraa ibsa AMNf ergeen beeksiseera.