Magaalaa Finfinneetti iddoowwan tursiisa daa’immanii waajjiraaleetti banamaniin maatiin Kuma 14 fayyadamoo ta’aa jiraachuu Biiroon Dubartoota, Daa’immaniifi Dhimmoota Hawaasummaa Magaalaa Finfinnee beeksise
Hooggantuun Biirichaa Aadde Qoonjiit Dabalaa dhaabbilee mootummaa 970 fi dhaabbilee dhuunfaa 15 keessatti bakki tursiisa daa’immanii banamuu isaanii AMN’tti himaniiru.

Dabalataanis, bakkeewwan tursiisa daa’immanii kutaalee hawaasaa galiin isaanii gadi aanaa ta’e fayyadamoo taasisan, iddoowwan tursiisa hawaasa giddu galeessa godhataniifi bakka haadholiin daa’imman itti tursiisan akka banaman ibsaniiru.

Kanaanis daa’imman Kuma 14 caalan fayyadamoo tahuu kan kaasan Aadde Qonjiit, nageenya daa’immanii eegsisuufi dhiibbaa hojjattoota manaa dubartoota ta’an gama hir’isuun shoora olaanaa ba’ataa jiraachuu dubbataniiru.
Haadholiinis hojii isaaniirratti bu’a qabeessa akka ta’an taasisuusaa himaniiru.
Shimallis Taaddasaatu gabaase