Lammiileen bakka qulqulluufi jireenya fooyya’aa akka jiraataniif naannolee biyyattii garagaraa keessatti manneen moodela hawaasa harka qalleeyyiif ijaaranii kennuun murteessaa akka ta’e Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii ibsan.
Walitti dhufeenyi lammiilee gidduutti daran akka cimuuf akkasumas lammiilee fi mootummaa gidduutti hariiroon akka cimuuf hojiin kenna tajaajila lammummaatiin naannolee biyyattii keessatti hojjetaman gahee olaanaa qabaachuu Aadde Caaltuun Ibsa miidiyaaleef kennaniin dubbataniiru.
Hojiin kenna tajaajila lammummaa kun yeroo gannaa qofaan otoo hin daanga’iin karoorsanii xiyyeeffannoon hojjechuun badhaadhina eegalame milkeessuuf gahee olaanaa akka qabus kaasaniiru.
Bara kanas Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kibba Lixaa Magaalaa xiqqoo Tulluu Araaraa jedhamutti manneen ammayyaa moodela ta’an 35n harka qalleeyyiif ijaaranii kennuu Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii himaniiru.
“Manneen ijaaraman kunneen misooma kooriidarii baadiyyaa waliin kan wal qabatuu fi dorgommii misoomaas kan uumudha” jedhanii, manneen ijaaruu qofa osoo hin taane, carraa hojii uumuu keessattis hojiin kun iddoo guddaa qabaachuu Aadde caaltuun eeraniiru.
Manneen ijaaraman biratti hawaasni karaa ammayyaatiin qonnaafi horsiisa looniin fayyadamoo ta’aa akka jiran Aadde Caaltuun dubbataniiru.
Madda anniisaa argachuuf hawaasni baayoo gaaziitti akka fayyadamuuf haalli mijataan uumamuu isaa ibsaniiru
Abdiisaa Fufaatu gabaase