Jila Atileetiksii Itoophiyaa Shaampiyoonaa Qaxxaamura Addunyaa irratti 2ffaa ba’eef simannaan taasifame

You are currently viewing Jila Atileetiksii Itoophiyaa Shaampiyoonaa Qaxxaamura Addunyaa irratti 2ffaa ba’eef simannaan taasifame

AMN PLUS- Amajjii 5/2018

Jila Atileetiksii Itoophiyaa Shaampiyoonaa Qaxxaamura Addunyaa 2ffaa ba’eef simannaan ho’aan taasifame.

Sirna simannaa kana irratti Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Aadde Shawwit Shaankaa akkasumas Deetaan Ministira Ispoortii Obbo Maakiyyuu Mohaammad akkasumas Pireezidaantiin Olompikii Itoophiyaa Dooktar Ashabbir W/Goorgis dabalatee anga’ootni mootummaa olaanoon argamaniiru.

Dorgommii Shaampiyoonaa Qaxxaamura Addunyaa Yeroo 46ffaaf Ameerikaa Filooriidaa Talaaseetti gaggeeffame kana irratti Itoophiyaan Warqii sadii, Meetii lamaa fi Nahaasa lamaan Addunyaa irraa keeniyaatti aanuun sadarkaa 2ffaan xumurteetti.

Rabbirraa Hirphaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply