Itoophiyaan badhaadhina egeree ilaalcha keessa galchuun damee faayinaansii ammayyeessaa akka jirtu Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan.
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) bakka argamanitti, konfiransii Milkii Faayinaansii Itoophiyaa kaleessa adeemsifame ilaalchisee Obbo Tamasgeen miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin dameewwan riifoormiin milkaa’inni itti argamaa dhufe keessaa dameen faayinaansii tokko ta’uu ibsaniiru.
Cabiinsota turan suphuun, rakkoolee yeroo ammaa dandamachuun fi egeree ilaalacha keessa galchuun Itoophiyaan damee faayinaansii ishee ammayyeessaa jiraachuus kaasaniiru.
Bulchiinsa faayinaansii ammayyeessuun, dhaqqabamummaa faayinaansii babal’isuun fi qabeenya biyya keessaa haaraa uumuun Itoophiyaan imala badhaadhinaa ishee saffisiisaa akka jirtu ibsaniiru.