AMN PLUS-Amajjii 10/2018
Waqti ayyaana Cuuphaa lafti baddaa Finfinnee kuni guluffii fardaan ayyaana kana kabaju.
Naannawa Magaalaa Finfinneetti hawaasni marsee jiru kabaja ayyaana Cuuphaatiif dursanii kan qophaa’an farda isaanii sooranii cimsanii dorgommii guluffii fardaan san ittin ijiffachuuf akka qopheeffatan Hayyuun Gadaa Hordofaa Damissee AMN Dijitaal’tti himaniiru.
Warra baddaa Ererii eegalee ,warra baddaa Gooroo Finfinnee haga Hurufa Boombiitti sirbiifi yaabbin fardaa yeroo ayyaana cuuphaa kana beekama akka ta’e Hayyuun Gadaa kun ibsaniiru.

Guyyaa ayyaanaa kana guliffii fardaa dorgomanii injifachuuf ji’a tokkoon duratti fardaa garbuu, missiraafi shumburaa walitti makuun nyaachiisuun akka sooran Hayyuu Hordofaan himaniiru.
Yeroo farda sooran kanattis aduun akka hin tuqnetti mana ijaarameef keessa tursiisuun caama ganamaafi qabbana galgalaa qofa akka gadii baasanis ibsaniiru. Guyyaa sadii sadiyinis qaama fardaa akka dhiqamu Hayyuun kun kaasaniiru.
Fardi yeroo sooramaa jiru kanatti akka waan ulmaa keessa jiruutti ija nama biraa osoo hin agarsiisin abbaa fardaafi hadha warraa malee namni bira akka itti hin siqne kan himan Hayyuun kun, fardiis fuulii abbaa warraafi hadhaa warraa malee kan nama biraa akka baranetti isaan lamaan qofaan kunuunsi akka taasifamuuf ibsan.
Abbaan fardaas haala yaabbii, akkaataa itti ofirra garagaluu akkasumas akkaataa itti kooraa fe’etan ni leenjisa ni barsiisas jechuudha.
Fardi sirna waaqaa qaba kan jedhan Hayyuu Hordofaa Damissee, abbaan fardaa farda dhiquuf yaabbatee laga buusee yoo deebi’u haati warraa irreechaan simattee fardarraa luugama baasuun garbuu kennitiif.
Mi’a fardaa jechuun kooraa, uddeellaa, gar-jalee, kan qomaa, fuuloofi luugamni dabareedhan fardatti tartiiban akka keewwifaman kan himan hayyuun kuni, jalqaba kooraatu uddeellaa wajjiin fardatti kaawama jedhaniiru. Gar-jaleefi kan qomaa erga jabaatee hidhamee booda fuuloofi luugamatuu fardattii kaawwifama jedhaniiru Hayyuu Gadaa Hordofaa Damissee.
Dura yeroo ayyaana cuupha kana abbaan farda isaa sooraa ture mi’a fardatiin kuulee dorgommii garmaamaa kanaaf garee isaa wajjiin akka dirree guluffiitti kajeeluus kaasaniiru. Uleefi Waantaa ykn gaalee ittin ulee morkataa qolatuu qabatanii qophiidhan gugsii kana akka seenaanillee ibsaniiru.

Dorgommii gugsii fardaa kanallee maanguddootu eebbisee jalqabsiisa. Isaaniis akkas jechuun eebbisu…
“Gugsii fardaa kan baranaa bara egareen isin haa gahu
Fardi colleedhaa colleen waaqi, waaqaa tolaa
Gugsiin lafarraa, lafaaf milkaa’aa…..”
Erga jaarsotni eebbisanii booda dorgommii gugsii kana eegaluu jechuudha.
Waldorgommii kana keessatti walillee yoo tasa rukkuttaan kan wal miidhan ta’e walitti mufachuus ta’ee haaloo qabachuun akka hin danda’amne Hayyuu kuni ibsaniiru.
Yeroo baay’ee fardi filatamuu sanyii fardaa warra Jiddaati jedhamaa kanaaf Hayyuu Hordofaa Damissee sababa isaa akkas jechuun dubbata. “Ilmaan Tuulamaa keessaa Jiddichi mana hangaafaati kanaaf caffeen lafaa hormaata fardaaf qopheessan lafa eebbaati, hin qotamtuu fardumatu caffee baddaa sanirraa dheeda” jedhaniiru.
“Qe’ee hangafaa ilmaan Tuulamaa… Kuraa Jiddaa Galaan Daaccii Tuulamaati waan ta’eef lafaa seeraa, lafaa eebbaa, lafaa uumaafi safuu qabu kanarratti farda dhalatee guddate akkasumas kanaaf fardi seera waaqaa qaba jedhama” jedhan Hayyuun kuni.

Farda jaba kan sanyii filatama kana erga qopheeffatanii sooranii cimsuun ittin akka dorgamanillee kaasaniiru. Dorgommiin garmaamaa fardaa kunis geerarsaafi sirba kan qabu dorgomtootaafi si’a fardaallee akka dabaluu ibsaniiru. Akkas jechunis akk geeraran Hayyuun kun akeekaniiru…
“Yaa joollee yaa joollee yaa hiriyaa ofiitoo
Yaa uraa qambaraa qambara fakkattii
Faaruun abbaa biraa gambara fakkattii
Dirqamaaf malee yaa fardaa maaltu si leenjii jibbaa…”
Geerarsan qophaa’ee garmaamatti kan lixe abbaan fardaa , fardaa isaa akkatuma bifaatiin waamee bulloo bulloo naan gali kaa…, daalee daalee naan gali kaa…, buchu buchu… si kutekaa…, sirraan bahekaa… sagaleefi dhadannoo yeroo gugsii irra jira itti dhagessisan akka ta’e ibsaniiru.
Yeroo ayyaana cuuphaa kana dargaggonnis uleeykn shimala isaanii qopheeffatanii haala ho’aa ta’een sirbaa akka oolan dargaggoo Damissee Magraa himaniiru. Isaaniis akkas jechuun sirbu…
Hoo yaa ayyaana wagga
waggaa waggaadhan nu gahi
kaawoo fardaati fardatu daandii baase yaa joollee…x2

kan sirba kana qajelchuu akkana yoo jedhu, yaa joollee maaloo gareen jalaa qabu … kaawoo fardaati jechuun waljalaa sagaleessaa haala armaan gadii kanaan sirbu..
“kashin kashi gootuu
kaawoo fardaati
kashin bililleedha
kaawoo fardaati
lubbu du’a oollee
kaawoo fardaati
tirfiin itilleedha
kaawoo fardaati fardatu daandii baase yaa joollee…x2”
waa’ee shimalaafi ulees yoo ibsan
“hoo shimala maa gombisaa yeroo lolaa ni obsaa
hoo shimalli angutti cabadhaa qe’etti hundumtu jabaadhaa
hoo maa soddatam lafa dhiitii harkaan gaalee qabiitii…”
jechuun garmaamaa fardaatiin cinaattis sirbaan dargaggoonni ho’isaanii sirbuun guyyaa ayyaana kana gammachuun akka dabarsanis ibsaniiru.
Shuumii Badhaasootiin qindaa’e