Turistoonni Biyyoota alaa garaagaraarraa Ayyaana Cuuphaa bara kana Magaalaa Baatuu hara Dambalitti kabajamu irratti hirmaachuf dhufan Odola Simbirrootaa daawwatan.
Odola Simbirootaa Hara Dambal irratti argamu irra Simbirootaa Gosa adda addaa 280 olitu jiraata jedhame.

Harri Dambal iddoowwan hawwata Turizimii Akka Biyyaatti jiran keessaa baakka hawwataafi seena qabeessa yemuu ta’u odolawwan gurguddoo Shan qaba.
Harichi hawwatummaa Magaalaa Baatuu dabaluun cinaatti hojii barbaaddota hedduuf madda caarra hojii ta’uu Itti Gaafatamaan Komishinii Turizimii Magaalaa Baatuu Obbo Aabbuu Kamaal himaniiru.
Sisaay Dirribaatu Gabaase.