AMN PLUS- Amajjii 16/2018
Kabajni guyyaa Humna Qilleensaa 90ffaan seenaa hundeeffamasaa yaadachuuf qofa osoo hin taane, tajaajila olaanaa humni qilleensaa birmadummaa Itoophiyaafi Afriikaaf taasise yaadachiuf jedhan Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa.
Waggoota 90’n darban keessatti Humni Qilleensa Itoophiyaa birmadummaa qilleensa biyyaa eeguuf, ergams nageenyaa Afriikaa deggaruuf, akkasumas dhiibbaa fi doorsisa kamiyyuu qolachuuf kutannoon hojjechaa tureera jedhaniiru.
Kunis cimina, ogummaa fi aarsaa miseensota humna qilleensaatiin kan milkaa’e ta’uu kaasaniiru.
Kabaja hundeeffama waggaa 90ffaa kana waliin walqabatee, agarsiisni Humna Qilleensa “Leenca Gurraachaa” seenaa humna qilleensa Itoophiyaa keessatti iddoo guddaa kan qabuu fi agarsiisa ittiin boonamu ta’uu dubbataniiru.
Agarsiisni humna qilleensaa bashannanaaf kan qophaa’e miti kan jedhan Letenaal Jeneraal Yilmaan, gahumsa biyyaa kan calaqqisiisu, barattootni fi dargaggootni akka kalaqaniif kan kakaasu, akkasumas lammiileen teekinooloojii biyyisaanii qabdu hubatanii dhaabbatichatti akka amanan kan gargaaru ta’uu himaniiru.
Dabalataanis, agarsiisni guyyaa kanaa gahumsa qofa osoo hin taane, ce’umsa indastirii, leenjiifi shaakalaa, akkasumas guddina Humna Qilleensa Itoophiyaa kan agarsiisu ta’uu dubbataniiru.
Shuumii Badhaasootiin