“Imalli Afriikaa jireenya koo guutummaan jijjiire” – Ishow Speed

You are currently viewing “Imalli Afriikaa jireenya koo guutummaan jijjiire” – Ishow Speed

AMN PLUS – Amajjii 19/2018

Ishow speed biyyoota Afriikaa imale hunda keessatti dhaabbilee tola ooltumma jiran gargaaruuf duula addaa akka eegaluun beeksise.

Speed Imala Afriikaatti guyyoota 28f taasisaa ture har’a Naamiibiyaatti xumureera.

Xumura imala biyyoota Afriikaa 20tti taasise ilaalchisee jaallattoota isaaf ergaa dabarseen “Afriikaan jaalala dhugaa natti agarsiisteetti, Imalli kun guutummaa jireenya koo jijjiireera” jedhe.

Dargaggoon kun qorannoo qaccee sanyii DNA taasiseen bu’aa isaa yoo ifoomsus %100 sanyii Afriikaa akka ta’e tamsaasa kallattiin mirkaneesse.

Afriikaan jaalala natti agarsiisteef anarraa waa argachuu qabdi kan jedhe Speed, gocha tola ooltummaa fi gaarummaa karaa qindaa’aa ta’een gochuuf duula addaa akka taasisu hime .

Imalli Afriikaa jireenya koo jijjiire kan jedhe Ishow speed, daqiiqaa 10f ta’ullee warreen daawwachuun na faana turan nan galateeffadha jedhe.

Imala Afriikaa Marsaa yeroo dhiyootti akka eegalus ifoomseera.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply