Itoophiyaan Dantaa Afriikaa Kabachiisuu Keessatti Adda Dureedha- Ogeessa Seeraa

You are currently viewing Itoophiyaan Dantaa Afriikaa Kabachiisuu Keessatti Adda Dureedha- Ogeessa Seeraa

AMN PLUS- Amajii 20/2018

Itoophiyaan Dantaa Afriikaa kabachiisuu keessatti yeroo hunda adda duree ta’uu Abukaatoo fi Miseensi Gamtaa Ogeessota Seeraa Paan Afrikaa Girmaa Dachaasaa himan.

‎Obbo Girmaan “Walii galtee biyyoonni Awurooppaa Afrikaa qooddachuuf taasisaniin biyyoota Afrikaa hedduu koloneeffachuun milkaa’anii wayita Itoophiyaa ga’an akka yaadame osoo hin taane loltoonni leenca gurraachaa humna xaaliyaanii jilbeenfachiisuun mirgaan galan’ jedhan.

‎”Itoophiyaan seenaa ishee keessatti biyya hin koloneeffatamin hafte” jedhamuu kan eeran ogeessi seeraa Obbo Girmaa Dachaasaa biyyoonni Afrikaa hedduun bara 1950 keessa bilisummaa isaanii erga labsatanii booda bara 1963’tti dursummaa Itoophiyaatiin Gamtaa Afrikaa Ammaa, Dhaabbata Tokkummaa Afriikaa hundeessuu kaasaniiru.

‎Itoophiyaan faajii bilisummaa Afrikaafi uummatoota gurraachaa Addunyaa ta’uun wal qabatee, teessoon Gamtaa Afrikaa Itoophiyaa akka taate seenaan qabanii yaadachiisaniiru.

‎Obbo Girmaan ga’ee Itoophiyaan Gamtaa Afrikaa keessatti qabdu yoo ibsan, “Itoophiyaan dantaa Afrikaa kabachiisuu keessatti sagalee ta’uun shoora olaanaa taphateetti” jedhan.

‎”Milkaa’ina dipiloomaasiitiin Itoophiyaan dantaa isheefi lammiillee biyyoota Afrikaa dubbachuufi kabachiisuufis carraa guddaa argatti” jedhaniiru.

‎Akkasumas Diinagdee Itoophiyaa dadammaqsuu fi sharafa biyya alaa argamsiisuu keessatti carraa guddaa argachuu akka dandeessu akeekaniiru.

‎Gama biraan, ”Hojiiwwan Misooma kooridarii fi qarqara lageenii magaalaa Finfinnee keessatti hojjetamanis biyyoota Afrikaaf muuxannoo gaarii ta’eera” jedhan.

Obbo Girmaan, biyyootni Afriikaa hedduu maallaqa biyya keessaatiin biyya ofii misoomsuun akka dandaa’amu Itoophiyaa irraa barachuu Ogeessa Seeraa kan ta’an Obbo Girmaa Dachaasaa turtii Qophii Marabbaa, AMN PLUS waliin taasisaniin ibsaniiru

‎Daraartuu Tarreessaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply