AMN PLUS -Amajjii 20/2018
Yoo ijoolleen nama rakkisan bilbila itti kennanii of irraa ari’uun ijoollee waan badaadhaaf saaxiluu akka ta’e Abbootiin Amantaa turtii AMN Qophii Roga Dubbii waliin taasisan himan.
Barreessaa B/ Wangeelaafi Gorsaa Kabbadaa Bakaree akka jedhanitti maatiin bara dijitaalaa kana keessa akkaataa itti ijoollee isaa guddifatu afaan midiyaa beeknaan miidiyaama irraa barnoota guddaa fudhachuu danda’a jedhanii amanu jedhan.
“Daa’ima komachuu irra barsiisuun murteessaadha” jechuun himu.

Daa’imman miidiyaa waliin deemanii warra isaanii dhiisuu danda’u kan jedhan Barsiisaa Kabbadaan, kunis maatiifi ijoollee gidduutti garagarummaa guddaan akka uumamu taasisa jedhaniiru.
Abbaaf Haati yeroo hundumaa bilbila irra turu yoo ta’e ijoolleedhaan dhiisi jechuu hin danda’an jedhanii maatiin dursanii fakkeenya gaarii ta’uu akka qaban himaniiru.
Daa’immanis ammuma umurii isaaniifi dandeettii isaaniitti, waanta isaaniif eyyamame beekumsa akka irraa baratan maatiin yoo mijeesse wanta naannoo isaanii hin jirree akka irraa baratan taasisuun hin danda’ama jedhaniiru.
Maatiin yeroo itti miidiyaa fayyadamnuufi joolleef maatii keenya waliin dabarsinu adda baafnee qabaachuun haala gaariin miidiyaa hawaasaa fayyadamuun ijoollee keenyaaf fakkeenya ta’uu qabna jedhan Barreessaa, B/ Wangeelaafi Gorsaa Kabbadaa Bakaree

Ejansii Musliimota Itoophiyaatti Qindeessaa Sagantaalee Sulxaan Ahimad akka jedhanitti, Dijiitaal miidiyaan akka gabaa biyya lafaa kana irra jiruu yoo ta’u, miidiyaa hawaasaa ammoo akka gabaa markaatootti fakkeenyaan ilaaluu dandeenya.
Midiyaan hawaasaa jechuun jedhani Sulxaan Ahimad, Gabaa dhaqxee waan bitattu yoo sirriitti hin beekne waan si sossobutu jira jedhani.
Bakka waa bitan waan nama miidhus nama fayyadus guutee waan jiruuf beekumsa waan bitattuu yoo hin qabaanne waan dogoggoraa nama miidhu fudhattee manatti galta jedhani.

Miidiyaan Dijitaalaa ammoo akka gabaa Addunyaa kana irra jiruuti jedhanii, waan barbaaddu, bakka tokkoo yoo dhabde bakka biraadhaa qaamaan dhaquu osoo hin barbaachisin bitachuu danda’uudha jedhani.
Miidiyaan akkaataa itti fayyadamaa beekuu barbaachisa jedhanii, keessattuu fayyaa ijoollee irratti dhiibbaa guddaa fiduu akka danda’u saayinsiidhaan mirkanaa’ee akka jira kaasaniiru
Akksumas xiinsammii daa’immanii miidhuun ofitti amanuu isaanii xiqqeessuun egeree isaanii miidhuu danda’a jedhani
Yaroo amma kanatti akkataa itti fayyadama miidiyaa ijoolleetu warra caalaa beeka jedhanii garuu maatiin dursanii beekumsa miidiyaa gabbifachuun ijoollee qajeelchuu akka qaban Ejansii Musliimota Itoophiyaatti Qindeessaa Sagantaalee Sulxaan Ahima dhaamaniiru.
Daraartuu Tarreessaatiin