‎”Hidhi Haaromsa Warraaqsa Of danda’uuti” – Tireevar Noohaa

You are currently viewing ‎”Hidhi Haaromsa Warraaqsa Of danda’uuti” – Tireevar Noohaa

‎AMN PLUS- Amajjii 21/2018

‎Tireevar Noohaa lammii Ameerikaa Afrikaa Kibbaatti dhalatee yeroo ammaa biyya Ameerikaa keessa jiraatudha.

‎Noohaan hojiilee komedii isaan sadarkaa idil addunyaatti beekamtii guddaa kan horate yoo ta’u, kitaabni “Born Crime” mata-duree jedhuun waa’ee seenaa isaa haala bashannansiisuu fi barsiisuun barreessuun maxxansiise, koppiin miliyoonaan lakkaa’amu gurgurameera, dubbistoota biraas jaallatamummaa guddaa argateera.

‎Noohaa kanaan dura qophii Televizhinii Daily Show jedhamuun daawattoota biratti hawwiin eegamaa kan ture yoo ta’u amma ammoo Qophii miidiyaa hawaasummaa Poodikaastiin dhimmoota garaa garaa irratti keessummoota affeeruun dubbisa. Tibbanas Ministira Muummee biyya Baarbeedoos Maayaa Mootiloo waliin turtii taasisee ture.

‎Gaaffii fi deebii Ministira Muummittii eebba Hidha Haaromsaa irratti Qaammee Bara 2017 hirmaatan Maayaa Mootilii waliin taasisaa ture jidduutti waa’ee Hidha Haaromsaa Guddichaa kaase. ‎Noohaan Hidha Haaromsaa Guddicha haala addaan hubachuu ibseera.

‎Jalqaba irratti Warraaqsa Of danda’u akka ta’e ibseera. Itoophiyaan gargaarsa dhaabbilee liqeessitootaa tokko malee, humnaafi maallaqa isheen, irree gamtoomaa lammiilee isheen milkeessuun Isa ajaa’ibuu eereera.

‎Kunis liqaa tokko malee guddaa ta’uun, of danda’uun akka danda’amu agarsiistuu ta’uu hubachiiseera. Itti aansuun Hidhi guddaan kun Ijaarsa qofa osoon taane siidaa dhaabbataa abdii Lammiilee Itoophiyaa Miliyoona 130 ta’uu ibseera.

Madda Anniisaa elektirikaa cehumsa Anniisaa haaromfamaa faalama Naannoo hin geessisne ta’uu dubbateera. Injifannoo Adawaa Jaarraa 21ffaa akka ta’e kan kaasan ammoo Ministira Muummee Baarbeedoos Maayaa Mootiliidha.

Injifannoo Adawaa Bara 1888 mallattoo tokkummaa fi birmadummaa Itoophiyaa, Afriikaa fi uummata gurraacha addunyaa maraan Wal bira madaaluunis ibsaniiru.

‎Akkuma Itoophiyaanotni weerartoota Faashistii injifachuun mallattoo gootummaa Afriikaa ta’an maraa, ammas moo’icha Adawaa Jaarraa kanaa galmeessisuu kaasaniiru. Maayaa Mootiileyaa, Poodikaastii Tireevar Nooh irratti, kutannoo Itoophiyaan hawaasa idil addunyaatti agarsiiste ibsuu itti fufan.

“Hawaasni Idil Addunyaa yoo Naannoo teessuma isaatti barcuma siif hin kennine, barcuma dacha’u ka dhuunfaa kee (Folding Chair) fudhattee dhufuu qabda” jechuun Itoophiyaan is ifaajjii dhuunfaa isheen waltajjii idil addunyaa irratti barcuma ishee qabattee dhufuun boontee akka teesse ibsaniiru. Tireevar Nooh illee kana dhugaa ba’eera.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply