AMN PLUS- Amajji 22/2018
“Faayidaan jiruu isaanii idilee akkasumas tajaajiloota garaa garaa argachuuf bu’aa olaanaa akka qabu eeruun galmaa’aa jiraachuu jiraattota aanolee kanneenii keessaa hagi tokko AMN PLUS’f ibsaniiru.
Jiraataa Aanaa 07 kan ta’an Teewoodiroos Mogos, “dhaabbilee mootummaas ta’u kan dhuunfaa deemanii tajaajila argachuuf waraqaan eenyummaa faayidaa murteessaadha” jedhan.
”Biyya ammayyaa’aa jirtu kanatti teekinooloojii waliin tarkaanfachuun murteessaadha” kan jedhan ammoo jiraataa Aanaa 05 Obbo Fallaqaa Sammuuti.’’

Tajaajila barbaadan akkaataa barbaadanitti argachuuf namni yeroo osoo itti hin kennin waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaaf galmaa’uun fudhachuu akka qabus dhaamaniiru.
”Amma waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaa malee tajaajila argachuun hin danda’amu” kan jedhan Jiraattuun Aanaa 05 Aadde Balaayinash Gaarii, namni kami iyyuu eenyummaa isaa beekuufi tajaajiloota adda addaa argachuuf waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa baafachuu akka qabu ibsaniiru.
Kutaa Magaalaa Gullalleetti Itti Gaafatamaan Waajjira Siivilii fi Tajaajila Jiraattotaa Aanaa 05 Obbo Dirribaa Raggaasaa hojii isaanii idileen alatti waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa lammiilee Aanaa isaanii hundaa biraan ga’uuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Itti Gaafatamtuun Waajjira Siivilii fi Tajaajila Jiraattotaa Aanaa 07 Aadde Biiftuu Kaasaa

Faayidaan Yaadama Ida’amuu milkeessuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu kan himan Itti Gaafatamtootni Waajjirichaa kunniin jiraatootni haga ammaatti hin galmaa’in jiran Waraqaa eenyummaa dijitaalaa kana argachuuf akka galmaa’aniif bakka namootni baay’inaan itti argamanitti qaamaan deemuun galmeessaa jiraachuu himaniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)’n sagantaa eegalchiisa Dijitaal Itoophiyaa 2030 irratti argamanii haasaa taasisaniin waraqaan eenyummaa dijitaalaa faayidaa odeeffannoo biyya tokkoo guutummaatti kan ibsuufi tajaajiloota garagaraa bakka tokkotti qindoominaan kennuuuf akkasumas eenyummaa mirkanneessuufi fayyadamummaa lammiilee biyyattii caalmaatti mirkaneessuuf shoora olaanaa akka qabu dubbachuun isaanii ni yaadatama.
Daraartuu Tarreessaatiin qindaa’e