Tilmaama waancaaf taphachuu argatus qabxiin 3 kan jalaa bubbule Arsenaal, har’a Liidsi Yuunayitid waliin taphata

You are currently viewing Tilmaama waancaaf taphachuu argatus qabxiin 3 kan jalaa bubbule Arsenaal, har’a Liidsi Yuunayitid waliin taphata

AMN PLUS – Amajjii 23/2018

Pirimeerliigiin Ingilaandi torbee 24ffaan galgala sa’aatii 12:00 eegaluun taphoota hedduu keessummeessa.

Kanneen keessaa taphni Liidsi Yuunayitid Arsenaal waliin sa’atii 12:00 tti qabu addatti xiyyeeffannoo argataan tilmaamameera.

Arseenaal taphoota liigichaa 3 walitti aansuun qabxii barbaadu hin arganne.

Morkataan isaa Liidsi Yuunayitid ammoo taphoota 5 dirree isaa irratti taphateen hin injifatamne.

Gahumsi gadi aanaa Arsenaal dhiyeenyatti liigichaan agarsiisaa jiruufi imalli gootummaa Liidsi Yuunaayitid dirree isaa irratti agarsiisaa jiru walitti ida’amee Mikeehel Arteettaaf mataa dhukkubbii biroo tahuu akka malu tilmaama argateera.

Haata’uutii, tapha marsaa jalqabaan galchii lama Liidsi irratti kan lakkoofsise Viktoor Yookoreesh taphattoota Arsenaal Arteettaa baraaruu danda’uun abdataman keessaa yoo tahu, qindoominni Kaahi Haavertiiz waliin qabatullee gaarii tahuu akka danda’u ibsameera.

Tapha biroo darbii London taheen Cheelsiin Weestaam Yuunaayitid waliin halkan 2:30 tti beellama qaba.

Leenjisaa isaa fuula haaraa Liyaam Rozeeniyeeriin durfamuun Cheelsiin taphicha kan injifatu taanaan sadarkaa isaa ni fooyyeffata.

Pirimeerliigii Ingilaandi torbee 24ffaan halkan sa’atii 5:00 tti Liverpuul kilabni bara kana ayyaanni injifannoo jalaa miliqe Niwuukaastil Yuunaayitid waliin morkata.

Kilabootni lameen Liverpuuliifi Niwuukaastil gahumsa bara kana agarsiisaa jiraniin hagas mara garaagarummaa hinqaban. Dirreen wal morkii kilaboota lameenii garuu kan Liveerpuul Anfiildi Rood tahuun kilaba faallaa hiriiruuf qormaata tahuu mala.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply