AMN PLUS- Amajjii 22/2018
Hundeessituu Waancaa Afriikaa kan taate Itoophiyaan Dorgommii kan bara 2028 qopheessuuf gaaffii ifa ta’e dhiyeessuu miidiyaan Goal Africa gabaase.
Yaada Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) irraa maddeen Itoophiyaan dorgommii kana qopheessuuf bu’uuraalee misoomaa ispoortii babal’isuu irratti xiyyeeffattee hojjechaa jirti.
Itoophiyaan Waancaa Afriikaa kan bara 2028tti gaggeeffamu kana qopheessuuf gaaffii ifaa dhiyeessuu ishee Muddee 24/2018 Ministeerri Aadaafi Ispoortii ifoomsuun ni yaadatama.
Kanuma bu’uureffachuun Ispoortii Afriikaa gabaasuun kan beekamu Goal Africa’n Itoophiyaan Gaaffii ishee CAF’f galfachuu dhugoomeera.
CAF biyyoota Afriikaa gaaffii ifaa dhiyeessan wal-dorgomsiisee yeroo dhiyootti ifoomsa.