AMN PLUS – Amajjii 28/2018
Walga’ii idilee Mana Maree Bakka Bu’oota Uummaataa 10ffaa bara hojii 5ffaa taasifame irratti gaaffii fi yaada miseensota mana maree irraa ka’aniif Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahmad (PhD) deebii fi ibsa bal’aa kennuun isaanii ni yaadatama.
Yaadota kaafaman keessaa dhimmi dippilomaasii Itoophiyaa isa ijoo yoo ta’u, sochiin Eertiran taasistu dippilomaasii baha Afrikaa irratti dhiibbaa akka uumee Yunivarsiitii Lepzik Jaarmaanitti Muummee Barnootaa Nagaafi Tasgabbitti kaadhimamaan (PhD) Galchuu Jaarsoo turtii AMN PLUS waliin taasisanin ibsaniiru.
Walii galtee Piritooriyatti taasifame Eertiraa kan dallanse mootummaan Eertiraa waggoota 30 oliif filannoo tokko malee mirga namoomaa sarbaa turuun ishee kun nagaafi tasgabbii Afrikaa Bahaa irratti rakkoo fidaa akka jiru kaasaniiru.
Biyyoonni Afrikaa Bahaa Itoophiyaa dabalatee Jibuutii fi Somaaliyaa sirna dimokiraasii jajjabeessuun tasgabbii naannichaa cimsuuf hojjechaa akka jiran kan ibsan Galchuun, faallaa kanaatiin mootummaa Eertiraa biyyoota ollaa isaanii nagaa dhowwuun humna isaa cimsuuf tattaaffii taasisaa akka jiru dubbataniiru.
Biyyi akka Itoophiyaa biyyoota biroo waliin walitti hidhamiinsa cimaa qabdu Afrikaa Bahaa keessatti hin argamtu kan jedhan Galchuu Jaarsoon, Itoophiyaan giddu-galeessa Afrikaa Bahaa ta’uun daangaa isheen qabdu gama hundaan biyyoota olla daangeessaniin saboonni wal makanii akka jiratan eeraniiru.

Mootummaan Eertiraa biyyoota olla keessatti mormitoota deeggaruun, nagaafi tasgabbiin akka biyyoota Gaanfa Afrikaatti hin mul’annee taasisuun dhiittan mirga namoomaa fi dhabamuun dimokiraasii Eertiraatti sirrii akka ta’e uummata ishee amansiisuuf akka ta’e ibsaniiru.
Fedhiin Itoophiyaa ammoo akkuma uummanni daangaa ce’uun wal keessa jiraatan, biyyoonni Afrikaa Bahaa kunneen dinagdeedhaanis walitti hidhamanii nageenya fi tasgabbii waliigalaa naannichaa mirkaneessuun jiraachuu akka danda’aniif hojjechaa akka jirtu hayyuun Nageenyaafi Tasgabbii kuni himaniiru.
Waggoota kumaatamaaf Galaanni Diimaan qaama Itoophiyaa ture kan jedhan Galchuu Jaarsoo bara 1889 koloneeffannaa Xaaliyaaniitiin Itoophiyaa irraa adda bahe malee irraa kutuun kan hin danda’amne himuun fincila kolaanii yeroo sanii irratti taasifameen bara 1952 gara Itoophiyaatti akka deebi’ame kaasaniiru.
Haa ta’u malee murtee shiraatiin waggaa 30 dura Itoophiyaan galaana diimaa akka dhabde ibsuun, galaana diimaa fayyadamuun Itoophiyaadhaaf mirga seenaa fi seeraa qabaachuu ishee kaasaniiru.
Kanaafuu, mirga uumamaafi seeran qabduu kanaan Itoophiyaan biyyoota ollaa waliin galaana diimaatti faatokkummaan itti fayyadamuuf imaammata ifaa fi tarsiimoo sirriitti qophaa’een akka itti adeemaa jirtu hayyuun kuni dubbataniiru.
Daraartuu Tarreessaatiin