AMN PLUS – Amajjii 25/2018
Lammiin Ingiliz Doominik Soolaankee umrii isaa ijoollummaatti akkaadaamii Cheelsii seene.
Akkaadaamicha keessa yeroo dheeraaf erga ture booda bara faranjootaa 2014 tapha pirimeerliigii Ingilaandi irratti Cheelsiif hiriire taphate.
Cheelsiin garuu taphatichatti osoo hin fayyadamiin kilaba liigii Eerdivizee Viteezeef ergisaan kenne.
Soolaankeen erga achii deebi’ee osoo waa hin turiin kilaba Liveerpuuliif mallatteessuun waggoota muraasa kilabicha tajaajileera.
Waan nama raajii garuu Soolaankeen Liveerpuuliif taphoota pirimeerliigii taasiseen galchii tokkitti lakkoofsisuun jijjiirraan gara kilaba Baarnimaawuzitti imaluuf carraa argate.
Taphatichi bultii keessa miila hiikkachaa deemuun kilaba Baarnimaawuz keessatti galchiiwwan hedduu lakkoofsisuun carraa ija kilaboota gurguddoo keessa seenuu argachuun amma kilaba Tootinaam onnee guutuun tajaajilaa jira.
Iddoosaa Abdiitiin