AMN PLUS- Amajjii 28/2018
Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqesillaasee, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Barreessituu Olaantuun Dhaabbata Tuurizimii Addunyaa (UN Tourism) Shayikaa Al Noowis waliin hojiiwwan Itoophiyaan ikoo tuurizimii babal’isuuf hojjechaa jirtu irratti mari’ataniiru.
Itoophiyaan bakkeewwan ikoo tuurizimii ta’an babal’isuuf hojii hojjechaa jirtu kan dinqisiifatamu ta’uu Barreessituu Olaantuun ‘UN Tourism’ ibsaniiru.
Mariin kun ijaarsa dandeettii, sagantaawwan itti fufiinsa qabanii fi dhiyeessii faayinaansiin haala tumsuun danda’amu irratti xiyyeeffachuu hubatameera.
Jilli Pirezidaantii Taayyee Atsiqesillaasee durfamu, Yaa’ii UN Bara 2026 Dubaayitti adeemsifamu irratti hirmaachaa jiraachuu odeeffannoon Waajjira Pirezidaantii FDRI irraa argame ni mul’isa.