AMN PLUS – Guraandhala 06/2018
Yaa’iin Afriikaa-Itaalii 2ffaan kaayyaa haqaan waltumsuu irratti xiyyeeffate har’a Finfinneetti eegala.
Yaa’iin kun bu’uura karoora Mateyi (Mattei Plan) jedhuun Afriikaafi Itaalii walitti fuda.
‘Mattei Plan’ maali?
Yaadamni Karoora Mateyi bara 1950 keessa lammii Itaalii Enirikoo Maateyi nama jedhamuun bu’uureffamuu barruuleen garaagaraa dhimmicha xiinxalaniiru.
Namni jabaa Itaalii abbaan qabeenyaa boba’aa biyyatti Enirikoo Mateyi siyaasa, daldalaafi bulchiinsa keessattis maqaa kan qaban yoo tahan Itaaliifi biyyootni Afriikaa kenna dilbii uumamni isaan badhaasetti fayyadamuun akka badhaadhan yaada ka’umsaa dhiyeessuu seenaan dhugoomeera.
Yaadichi yaadamee akka hin hafne kan itti fufsiisan Ministirri Muummee Itaalii Joorjiyaa Meeloonii kaayyoo ‘Mattei Plan’ itti fufsiisuu qabaachuun kan irratti hojjetan Ministirittiin piroojektichi tokko isa biroof dhaqqabuun wal-qixxummaa dagaagsuu keessatti qooda olaanaa qaba jedhanii amanu.
Karooricha qaama imaammata alaa Itaalii kan taasisan Joorjiyaa Meelooniin hariiroo Itaaliifi Arfikaa bu’uura irraa cimsuun gara boqonnaa itti aanuutti ceesisuu keessatti murteessaa ta’uus yaada guutuun amanu.
Ms. Meelooniin, waloomni dhugoomuu kan danda’amu haqummaafi wal-qixxummaan yoo jiraate ta’uu ibsuun piroojektiin Karoora Mateyi ilaalcha biyyootni Addunyaa warreen biroo Ardii Afriikaaf qaban guutummaatti jijjiiruuf humna qabaachuu irra deddeebiin hubachiisaniiru.
Kanaafis agarsiiftuu kan jedhan Joorjiyaa Meeloonii piroojektiin Mateyi yeroo ammaa biyyoota Afrikaa 14 keessatti hojirra oolaa jira jedhaniiru.
Kunis gahaa miti kan jedhan Ministirittiin Gamtaa Afrikaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akkasumas Dhaabbilee Faayinaansii Idil Addunyaa fi kanneen biroo waliin irratti hojjechuun jijjiirama qabatamaa fiduutti tarkaanfachiisaa jirraan ibsaniiru.
Kunis tumsa piroojekticha irratti bu’aa akka fidu taasiseeraas kaasaniiru.
Itaaliin biyyoota Afriikaa filataman waliin waggoota afuriif kan turu hojirra oolchuuf kan hojjechaa jirtu bifa deeggarsaan osoo hin taane fayyadamummaa waloo kan giddu galeessa taasifate tahuun kan ibsame yoo tahu piroojektii Mateyi Pilaanii lafa qabsiisuun bu’a qabeessa taasisuuf waggaatti baajata Yuuroo biliyoona 3 akka gaafatus ibsameera.
Kahumsaaf kan tahu Itaaliin Yuuroo biliyoona 5.5 bifa deeggarsa liqaan kan taasistu yoo tahu, kunis piroojektoota akka aannisaa haaromfamaa, qonna, fayyaa, barnootaafi kanneen biroof akka tahu Ministirri Muummee biyyatti Joorjiyaa Meeloonii marii hooggantoota Afrikaa waliin kanaan dura taasisaniin ibsuun isaanii ni yaadatama.
Iddoosaa Abdiitiin