Dubartootniifi Daa’imman Barnootaaf Haala Mijataa Akka Argatan Taasisneerra – Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo

You are currently viewing Dubartootniifi Daa’imman Barnootaaf Haala Mijataa Akka Argatan Taasisneerra – Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo

AMN PLUS – Guraandhala 08/2018

Yaa’iin 30ffaa Giiftii Dureewwan Afrikaa mata duree ’’Dandeettii qormaata dandamachuu Dubaroota Afrikaa ijaaruu, Qabeenya Qilleensaa, Walitti bu’iinsaafi Egeree itti fufaa’’ jedhuun gaggeeffameera.

Yaa’icharratti Ergaa Kan Dabarsan Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo Dubartootniifi Daa’imman Barnootaaf Haala Mijataa Akka Argatan Taasisuu Irratti Xiyyeeffannoon Hojjennerra Jedhaniiru.

Walqixxummaa Koorniyaa, Sagantaa Fayyaafi Barnootaa, Damee Diinagdeefi Jijjiirama Qabeenya Qilleensaarratti Dandeettii Dubartoota Afrikaa Caalmaatti Guddisuun Faayidaa Olaanaa Qabaachuu Ibsaniiru.

Keessattuu Misoomni Hawaasummaa Dubartoota Giddu Galeessa Taasifate Dandeettii Dubartootaa Caalmaatti Kan Guddisu Tahuu Hubachiisaniiru.

Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo Waajjirri Isaanii Waggoottan Jahan Darban Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa 37 Naannolee Garaagaraatti Ijaaruun Waliin Gahiinsa Barnootaa Dubartootaafi Daa’immannii guddisuuf Hojjechuu Ibsaniiru.

Dabalataaniis Leenjiin Ogummaa Hojii Daldalaa, Bakka Hojii, Galteewwan Hojiifi Kaappitaalaa Ka’umsa Mijeessuufi Dubartootni Madda Galii Mataa Isaanii Akka Argatan Taasifamuus Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo Ergaa Toora Miidiyaa Hawaasummaa Isaaniin Dabarsaniin Kaasaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply