AMN PLUS – Guraandhala 11/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) piroojektii misooma Warshaa Warqiifi Albuudotaa Tulluu Kaappii hojii eegalchiisuu ibsaniiru.
Dooktar Abiyyi Kaampaanii ‘KEFI Gold and Copper’ jedhamuufi Mootummaan Federaalaa waliin ta’uun warshaa albuuda Sookoo Oomishu, Oomisha Sookoo Tulluu Kaappii hojii eegalchiisuu toora miidiyaa hawaasummaa isaaniin beeksisaniiru.
Kaampaaniin oomisha Sookoo Tulluu Kaappii kaappitaala Doolaara Ameerikaa Miiliyoona 300fi miiliyoona 30 ta’uun hojii kana kan hojjatu ta’uu ibsameera.
Waggaattis Sookoo Kg kuma 4fi 386 oomishuu akka danda’u ibsameera.
Kaampaaniin oomisha albuuda Sookoo Tulluu Kaappii kun hawaasa lafa isaaniirraa ka’aniif beenyaa madaalawaa kaffalaafi jiraachuunis hubatameera.

Namoota lafa isaanii irraa ka’aniifis, marsaa jalqabaatiin ijaarsi mana jireenyaa ammayyaa 140 eegalamuun kan eerame yoo tahu lafti qonnaaf oolu bakka bu’iinsa lafaa duraan qabanitiif kennamuufiin beekameera.
”Warshaan guddaa oomisha albuuda Sookoo Tulluu Kaappii kun teknooloojii sadarkaa biyyaatti kan jalqabaa ta’e fayyadamuun, sirna ‘magnetic separetion’ fi ‘open pit production’ ta’een hojjechuun adda isa taasisa” jedhameera.
Kun ammoo dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaan naannoorra ga’uu xiqqeessuu keessatti ga’ee olaanaa qaba jedhameera.
Mootummaan Itoophiyaa dinagdee biyyattii guddisuufi babal’isuuf damee albuudaa akka madda galii, carraa hojii fi sharafa alaa guddisuutti fayyadamaa jiraachuun ibsameera.
Sagantaa jalqabsiisa Oomisha Albuuda Sookoo Tulluu Kaappii kanarratti, Ministira Muummee FDRI Abiyyi Ahmad [PhD] dabalatee, Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Ministirri Albuudaa Injinar Habtaamuu Taganyiifi keessummootni biroo Federaalaafi naannoo argamaniiru.