AMN PLUS- Guraandhala 10/2018
Daawwannaa Hojiif Har’a Gara Itoophiyaa Kan Dhufan Pireezidaantiin Ripaablika Turkiyee Rajiib Xayip Erdowaan Ministirra Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Waliin Mari’ataniiru.
Pireezidaantichi Hariiroo Bara Dheeraa Lakkoofsisee Itoophiyaafi Turkiyyeen Qaban Kaasuun Haala Qabatamaa Itoophiyaa, Naannawaa Gaanfa Afrikaafi Hariiroo Itoophiyaan Biyyoota Idil Addunyaa Waliin Qabaachaa Jirtu Dinqiisifataniiru.
Dureewwan Lameen Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) fi Pirezidaantiin Ripaablika Turkiyee Rajiib Xayip Erdowaan Ibsa Waloos Kennaniiru.
Pireezidaantichi Itoophiyaan Jijjiirama Galmeessaa Jirtuun Ija Addunyaa Hawwachaa Jiraachuu Ibsuun Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa COP-32 Itoophiyaan Bara Dhufu Qopheessituu Akka Tumsan Ibsaniiru.
Pirezidaantiin Ripaablika Turkiyee Rajiib Xayip Erdowaan Carraa Kanaan Sooma Ramadaanaa Waggaa 1447ffaa Hordoftoota Amantaa Islaamaan Soomamuu Baga Ittiin Isiin Gahee Jechuun Hawwii Qaban Ibsaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin