Qonnaan bulaan oomishuu qofa osoo hin taane, buusii isaatiin sona dabalaa jira- MM Abiyyi Ahimad

You are currently viewing Qonnaan bulaan oomishuu qofa osoo hin taane, buusii isaatiin sona dabalaa jira- MM Abiyyi Ahimad

AMN PLUS- Guraandhala 12/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Warshaa Daakuu Yuuniyeenii Waldaalee Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Gibee Dhidheessaa daawwataniiru.

Qonnaan bultoonni oomishuu qofa osoo hin taane oomisha isaanirraatti sona dabaluun qabeenya horataa jiraachuu ibsan.

Bara 1996 kan hundaa’e Yuuniyeenii. Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Gibee Dhidheessaa waldaalee sadarkaa jalqabaa 207 kan hammate ta’uu eeran.

Waldichi Qonnaan bultoota kuma 100 fi kuma 67 tajaajilaa jiraachuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa galteewwan oomisha qonnaa dhiyeessuurra darbee oomishaaleerratti sona dabaluun qabeenya horachuutti ce’uu eeran.

Waldaan kun warshaa daakuu midhaanii ammayyaa kan hundeesse yoo ta’u, guyyaan daakuu Boqqoolloo kuntaala kuma 1 fi 200 oomishuuf dandeettii qaba jedhan.

Warshaan daakuu kun lafa hektaara 2.8 olirratti kan ijaarame yoo ta’u, lammiilee hedduuf carraa hojii dhaabbii fi yeroo uumuu dubbatan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply