Qellem qe’ee buna magarsu, nagaa argachuu qaba- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Qellem qe’ee buna magarsu, nagaa argachuu qaba- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS- Guraandhala 11/2018

Afaan tokko dubbannee yaadaan waliif galuun ni dandama jedhan Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD).

Jilli Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimadiin durfame Naannoo Oromiyaa Godina Qellem Wallaggaatti hojiilee misoomaa hojjataman daawwateera.

Qellem qe’ee buna magarsu tahuu kan ibsan Dr. Abiyyi akka fakkeenyaattis “Buna Anfilloo oomishnee osoo biyya alaatti erguu qabnuu lubbuu walii balleessuuf yaaluun nama kamirraa kan eegamu akka hin taane ibsanii fuula keenya gara misoomaafi misoomaa qofatti deebifachuu qabna jedhaniiru.

Dr. Abiyyi hojiilee misoomaa daawwatanitti gammaduu ibsuun ergaa hawaasa godinichaaf dabarsaniin, “Buna oomishnee funaannee biyya alaatti erguun galii argachuu malee buna keessatti wal ajjeesuun waan nuuf ta’u miti” jedhaniiru.

“Bunni kan nuuf kenname misoomaafi, yoo dubbiin illee hammaate jala teenyee akka aadaa keenyaatti mari’achuufi” ergaa jedhu kan dabarsan Dr. Abiyyi lubbuun namaa baduu waan hin qabneef walirratti daba yaaduun dhaabbachuu qabaas jedhaniiru.

Minisitirri Muummee “Loon Horroo, Buna Anfilloo, boqqolloo, mishingaafi warqee Beegii misoomsinee osoo misoomaaf oolchuu dandeenyuu, gadi teenyee mari’achuu osoo dandeenyuu naannoo kana maqaa fi eenyummaa isaa malee eenyummaa haaraa itti kennuun nu irraa hin eegamu, kan keessaa ba’uu qabna” ergaa jedhus dabarsaniiru.

Ministirri Muummee waa’ee pirojektii Qeexoo hektaara kuma 10 irratti misoomuun maatiiwwan kuma 5 ol fayyadamaa taasisuus kaasuun kun coba misoomaa xiqqaa waan taheef kunis gara galaanaatti cehuu qaba jedhaniiru.

Pirojektiiwwan misoomaa Godina Qellem Wallaggaa fi Naannoo Gaambellaa keessatti akka cobaatti eegalaman akka gara galaanaatti ce’amaniif, yeroo fi carraa balleessuu keessaa ba’uun hojii nageenyaa, misoomaafi of jijjiiruu irratti wal gargaaranii hojjachuun murteessaa ta’uus yaadachiisaniiru.

Akkuma Oromoon, ‘Alanfatan malee mi’aawaa hin beekan’ jedhee mammaaku misooma Qeexoo irratti hojjatames yoo dhamdhamanii ilaalan malee bu’aa misoomaa haalli ittiin beekan akka hin jirre kan hubachiisan Dooktar Abiyyi Ahimad, bishaan kun misoomatti jijjiiramee jiruufi jireenya hawaasa naannoo haga jijjiirutti hojjachuun barbaachisaa akka ta’es hubachiisaniiru.

Kanaaf ammo nageenyi amansiisaan akka dhufuuf qaamoleen hawaasaa hundumtuu ‘ijoolleen keenya nu ga’a” jechuun nageenyi akka dhufuuf tumsuu qabu jechuun ergaa dabarsaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply