AMN PLUS- Guraandhala 13/2018
Finfinneen wiirtuu dippiloomaasii Idil Addunyaa 3ffaa dha. Afriikaaf ammoo magaalaa guddoo diippiloomaasiiti.
Seenessa Paan Afriikaanizimif illee handhuura. Giddu gala siyaasaa ardii Afriikaati.
Waggoota muraasaa as ammo giddu gala yaa’iiwwan idil addunyaa hedduu ta’uu irra dabartee magaalaa tuuristootni biyyoota garaa garaa irraa dhufan daawwatan taateetti.
Simannaa fi geggeessaa Mr. Erdowaan irrattis miidhagina Finfinnee addunyaan arge miidiyaa Twitter irratti ajandaa guddaa ta’eera.
Kaan “Niwuyoorki hin se’inaa” jedha, kaan ammoo “Kun magaalaa Chaayinaa keessa miti asuma Afriikaa dha” jechuun wal harkaa fuudhanii balballoomsan.

Obbolootni Afriikaa ammoo hinaaffaa gaariidhaan “Biyyikoo osoo akkas taatee” kan jedhan hedduudha.
Keessumaa gaggeessaan kabajaa mootoraan dabaalamee daandii haaraa Boolee-Atlaas gidduutti Mr. Erdowaaniif taasifame ija nama hedduu qabateera.
Gaanaa, Keeniyaa, Afriikaa Kibbaa, Yugaanda, baargama ce’ees biyyoota Awurooppaafi Amerikaatti ijni hundi Finfinnee arge, dinqisiifannaa guddaa miidiyaalee hawaasaarra naannessaa turaniiru.
Miseensi Paarlaamaa Keeniyaa Juuneet Mohaammad guddina saffisaa Finfinnee ilaalchisuun yaada tibbana kennaniin, “Finfinneen Dubaay Haaraa Afriikaati yoon jedhe arbeessuu hin ta’u” jechuun isaanii ni yaadatama.
Miseensi Paarlaamaa Keeniyaa Waa’ee jijjiirama saffisaafi qulqullina qabu Finfinneen galmeessaa jirtu dinqisiifachuun Keeniyaan irra barachuun akka irra jiraatus yaadachiisanii turan.
Finfinneen jijjiiramuun kanneen biroof bu’aa malee miidhaa akka hin qabne hubachiisuun keessattuu hawaasa Baha Afrikaa gama dinagdeen walitti fiduu keessatti shoora akka qabaatus abdii qabaachuu Miseensi Paarlaamaa Keeniyaa dubbachuun isaanii akkasuma ni yaadatama.

Miseensa Paarlaamaa Gaanaa kan ta’an Hajiyaa Zawuraa Mohaammad hojiif dhufanii Finfinnee daawwatanii erga deebi’anii booda miseensota Paarlaamaa biyya isaaniif haasaa isaan waa’ee Finfinnee ilaalchisee taasisan miidiyaalee idil Addunyaa garaa garaan gabaafameera.
Hajiyaa Zawuraa Mohaammad, “Yeroo dhiyoo gara Finfinnee deemeen ture. Hoteelan itti aara galfadhee gara Galma Gamtaa Afriikaa osoon konkolaataan deemuu Finfinneen magaalaa guddina ajaa’ibsiisaa galmeessisaa jirtu akka taate ilaaluu danda’eera” jedhan.
Itti dabaluunis, “Imala keenyaan waa’ee jijjiirama olaanaa fi guddina magaalaa Finfinnee keessatti dhufee waliin haasa’aa turre” jechuun dubbachuu isaanii odeeffannoon Paarlaamaa Gaanaa irraa argame ni mul’isa.
“Nuti lammiileen Gaanaa biyya keenyaaf maal hojjanne? Guddinni hagas ga’u akkamiin Finfinnee keessatti milkaa’uu danda’e? gaaffii jedhuu fi kanneen kanaan wal fakkaatu of gaafataa turre” jedhaniiru.
Hajiyaa Zawuraa Mohaammad magaalaan Finfinnee waggaa shan dura beekan jijjiiramtee, gamoowwan ammayyaa ijaaramanii, daandiiwwan sarara 4 fi 5 qaban ijaaramanii arguu isaanii dubbataniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin