AMN PLUS- Guraandhala 13/2018
Jilli Hoggansa ‘OpenAI Africa’ Amaanu’eel Lubaanzaadiyoon durfame bakkeewwan hawwata tuurizimii garaa garaa Finfinneetti argaman daawwateera.
Jilli kun gahumsoota carraa hojii kalaqaa magaalaa Finfinneetti argaman akkasuma daawwataniiru.
Miseensotni jila “OpenAI Africa” kun Itoophiyaatti daawwannaa kan taasise yeroo jalqabaaf yoo ta’u Inistitiyuutii Artifishaal Intelijensii Itoophiyaa, Waajjira Muummee Gamtaa Afriikaa, Goda Hambaa Biyyaalessaa fi Goda Hambaa Saayinsii daawwataniiru.
Daawwannaan kun mul’ata Finfinnee Wiirtuu Teekinooloojii Adda duree Afriikaa taasisuuf qabame galmaan gahuuf murteessaa ta’uu Ministeerri Tuurizimii ibsa AMNf ergeen beeksiseera.
‘OpenAI Africa’ gara fuulduraatti waajjirri Finfinneetti banu, Waajjira Muummicha Afriikaa akka ta’u eegamuu ministeerichi ibseera.
Dabalataanis, Finfinneen seenaa kalaqaa Afriikaa keessatti bakka murteessummaa qabdu jabeessitee itti fufuu ibsameera.