AMN PLUS – Guraandhala 13/2018
Poolaandi Ogeeyyii Tajaajila Fayyaa Tola Ooltummaan Dhibee Fayyaa Garaagaraa Yaalan Gara Itoophiyaatti Erguu Ibsiteetti.
Gareen Tajaajila yaala fayyaa Kun Torban Tokkoof Kan Turan Yoo Tahu meeshaalee Tajaajila Yaala Fayyaaf Oolan garaagaraa qabatan argamuun ibsameera.
Gosootni Tajaajila Yaala Fayyaa Kennaniis Yaala Baqaqsan Wal’aanuufi Caba Lafee Dabalatee Tajaajilootni Fayyaa Biroos Ni Kennamu Jedhameera.
Qindeessaa olaanaan garichaa Dooktar Buzaayyoo Mangashaa akka jedhanitti, gareen wal’aansaa kun waggoottan shanan darbaniif hojii tola ooltummaa wal-fakkaataaf gara biyyaatti deddeebi’aa akka turan kaasuun Muuxannoo Gahaa Qabaachuu Eeraniiru.
Dabalataan hospitaalota akka Hospitaala Waliigalaa Xoorhayiloochii, Alaartii fi Hospitaala Waliigalaa Barnootaa Yuunivarsiitii Hawaasaatti tajaajila baqaqsanii wal’aanuu, dhukkuboota narviin walqabataniifi caba lafee wal’aanuu akka kennan himaniiru.
Pirezidaantiin Waldaa Daayispooraa Itoophiyaa Aadde Qiddisti Li’ulsaggad gama isaanitiin Tajaajilli Garichaan Kennamu Lammiilee Gara Biyyaa Deemuun Yaalamuu Hin Dandeenyeef Carraa Addaa Tahuu Ibsaniiru.
Hoji gaggeessituun Hospitaala Waliigalaa xoorhayiloochii Birgaader Jeneraal Doktar Gannat Yimaam gama isaaniin muuxannoo kanaan dura garee Itiyoo-Poolaand irraa argataniin miseensonni raayyaa ittisa biyyaa waraana irratti miidhaman hedduun akka tajaajilicha argatan kaasanii lammileen biyyatti biyya ala jiran ogummaa fi dandeettii qabaniin biyya isaanii deeggaruu qabuu jedhaniiru.
Bayyanaa Taaddasaatu gabaase