AMN PLUS – Guraandhala 15/2018
Humni Raayyaa Ittisa Biyyaa Qabnu Birmaadummaa Itoophiyaa Kan Kabachiisuu, Nageenya Afrikaa Gahumsa Amansiisaan Kan Bahatu Ta’uu Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Ibsan.
Kabaja Hundeeffama Waggaa 65ffaa Duultoota Addaa Irratti Ergaa Kan Dabarsan Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Miseensotni Duultoota Addaa Gahumsa Loltummaa Qabaniin Haala Teessuma Lafaa Kamiiniyyuu Kan Hin Qoramne Tahu Ibsaniiru.
Ergama Qorqalbiifi Saayinsii Loltummaa Fudhatan Hojiitti Hiikuu Keessattis Miseensotni Kunniin Waan Baratan Waan Shaakala Akka Fakkaatanis Ibsuun Duultootni Addaa Diroonii Lafarraa Tahuus Himaniiru.
Riifoormiin Dhaabbilee Garaagaraa Irratti Taasifamu Bu’aa Buusaa Jiraachuu Raayyaa Ittisa Biyyaa Irraa Arguun Akka Danda’amu Kan Ibsan Dooktar Abiyyi Miseensootni RIB Humna Birmadummaa Biyyaa Wabii Nageenyaa Gaanfa Afrikaarra Darbee Afrikaaf Tahuus Jedhaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin Qindaa’e