Magaalaa Shaggaritti Eksipoon Invastimentii Idil-adunyaa adeemsifamuufi
Ekispoon Invastimentii Idil-Addunyaa jalqabaa mata duree “Shaggaritti Invastii taasisaa”jedhuun, Magaalaa Shaggaritti gaggeeffamuufi
Ekispoon Invastimentii Idil-Addunyaa guyyoota Sadiif turu, guyyaa borii Magaalaa Finfinnee Giddu gala Konveenshinii Idil-Addunyaa Addisitti akka eegalu, Kantiibaan Magaalaa Shaggar Tashoomaa Addunyaa (Dr.) ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.
Kaayyoon Ekispoo kanaas , Magaalaa Shaggar magaalaa diinagdee taasisuufi kenniinsa tajaajilaa teeknooloojiin deeggerame diriirsuun,humna Invastimentii magaalittii cimsuun cinatti,hawwata tuurizimii beeksisuu akka ta’e Tashoomaa Addunyaa (Dr.) eeraniiru.
Yuunivarsitii Finfinnee waliin ta’uun,moosaajii Invastimentii qopheessuun, yeroo ammaa Invastaroonni 1500 ol galmaa’uun murtee eeggachaa akka jiran eeraniiru.
Dabalataanis qonnaan bultoonni 700 ol gara invasteraatti ce’uudhaan, hojii keessa galuu Tashoomaan (Dr.) ibsanii, kunis lakkoofsi invastarootaa magaalattii gara 5097’tti akka ol guddatu taasiseera jedhaniiru.
Ekispoo kanaanis,dameewwan Invastimentii kanneen ,akka Ijaarsa manneen waliin jireenyaa,Manufakcheringii,qonnaa fi tajaajilli adda dureen eeramu.
Magaalaan Shaggar erga hundeeffamtee turtii waggoota lamaa keessatti, damee Invastimentiitiin namoota kuma 300 fi kuma 34 oliif carraan hojii uumuu danda’ameera.
Sagantaa ekispoo guyyaa borii eegalu kanarratti abbootiin qabeenyaa biyya keessaa fi biyya alaa 190 ta’an irratti kan hirmaatan yoo ta’u, namoonni kuma 5 ol saganticha ni daawwatu jedhamee eegama.
Magaalaan Shaggar bara 2018’tti lafa hektaara 3500 Invastimentiidhaaf adda basuun,abbootii qabeenyaa 2350 simachuuf qophii hunda xumuruu Tashoomaa Addunyaa (Dr.) beeksisaniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.