AMN PLUS – Amajjii 13/2017
Kamisa fuul-dura keenya jirutti galmeen Sirna Hajjii bara kanaa kan eegalamu tahuu Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa beeksise.
Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatti Hogganaan Dhimmoota Hajjii fii Umraa Haaji Abdulfattaah Mahaammad ibsa miidiyaaleef kennaniin galmeen Sirna Hajjii kun hanga Gurraandhala 21 bara 2017’tti akka xumuramu himaniiru.
Hajjiin bara kanaa Birrii kuma 625 akka ta’e Manni Marichaa beeksiseera.
Galmeen Sirna Hajjii bara kanaa Magaalaa Finfinnnee dabalatee guutuu biyyattiitti wiirtuuwwan galmee 30’tti kan gaggeeffamu yoo ta’u, qaamonni ulaagaa guutan hundi hanga yeroo xumuraatti akka galmaa’an Manni Marichaa waamicha dhiheessee jira.
Ibsichi imaltoonni yeroo galmeedhaaf dhufan waraqaa eenyummaa Gandaa fi Paaspoortii haaromfame dhiyeessuun dirqama ta’uu ibseera.
Bara kanas akka Itoophiyaatti Imaltoota Sirna Hajjii kuma 10 ta’aniif Sirnicha akka raawwatan eeyyamamuusaas Manni Marii Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa beeksisee jira.
Mahaammad Toofiqtu gabaase