Dhaabbileen Fayyaa Finfinnee keessaa dhibbeentaan 80 tajaajila Laabiraatoorii sadarkaa isaa eeggate kennaa jiru

You are currently viewing Dhaabbileen Fayyaa Finfinnee keessaa dhibbeentaan 80 tajaajila Laabiraatoorii sadarkaa isaa eeggate kennaa jiru

Amn Plus – Onkoloolessa 22/2018

Biiroon Fayyaa Magaalaa Finfinnee, Dhaabbilee Fayyaa Tajaajila Laabiraatoorii Qulqulluu magaalattiitti kennuun adda duree ta’aniif beekamtii kenne.

Dhaabbileen Fayyaa Magaalaa Finfinnee keessa jiran dhibbeentaan 80 tajaajila Laabiraatoorii sadarkaa isaa eeggate kennaa jiraachuun himameera.

Tajaajilli Yaala Fayyaa deeggarsa Laabiraatoriin ala hin yaadamu kan jedhan Hoogganaa Itti aanaan Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee Dr Mulugeetaa Indaalee, Kanaafis Biiroon Fayyaa Magaalaa Finfinnee yeroo yeroodhaan qulqullinaa fi ga’umsa Laabiraatoorii dhaabbilee Fayyaa keessa jiran ni sakatta’a jedhaniiru.

Sakattoo erga taasiseen booda, kanneen tajaajila qulqulluufi sadarkaa isaa eeggate kennaniif beekamtii kennaa, kanneen ulaagaa gadi ta’an ammoo sirreessuun ulaagaa barbaadamu akka guutaniif deeggaraa jiraachuu ibsaniiru.

Adeemsa kenniinsa beekamtii Laabiraatoorii tajaajila qulqulluu kennanii, Ilaalchisee waraqaa qorannoo kan dhiheessan, Obbo Mahaammad Aliyyuu, Madaalliin taasifame kun ulaagaa akka idil addunyaatti kaa’ame kan eege ta’uu himanii, Bu’uuruma kanaan dhaabbileen tajaajila Laabiraatoorii kennan 200 Itoophiyaatti sadarkaa abbaa urjii 3-5’tti argachuu eeraniiru.

Akka magaalaa Finfinneetti ammoo Dhaabbileen Fayyaa tajaajila Laabiraatoorii kennan 97 sakatta’amuu himaniiru.

Hojiin beekamtii kennuu kun Ulaagaa Idil addunyaa 275 keessa darbuun erga qulqullinni isaanii beekamee booda akka kennamu Obbo Mahaammad Aliyyuu hubachiisaniiru.

Dhaabbilee Fayyaa Magaalaa Finfinnee keessa jiran keessaa kenniinsa tajaajila Laabiraatoorii qulqulluu kannuun sadarkaa abbaa urjii Shanii kan argatan buufataalee 30 yoo ta’an, Hospitaalli Zawudituu, Hospitaalli Gaandiifi Yekkaatiiti 12 badhaafamaa addaa ta’aniiru.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply