Filiippiinsi lammiilee 117 balaa obomboleettiin dhabde, labsii yeroo hatattammaa labsite

You are currently viewing Filiippiinsi lammiilee 117 balaa obomboleettiin dhabde, labsii yeroo hatattammaa labsite

‎AMN Plus- Onkoloolessa 27/2018

‎Filiippinsitti balaa obomboleettii Kalmaa’egii jedhamuun lammiilee 117 lubbuu dhabuu hordofee, labsii yeroo hatattammaa labsiteetti.

‎Obomboleettii hamaa rooba cimaa makate kanaan namootni 124 bakki gahan hin beekamne.

‎Pirezidaantiin Filiippiinsi Ferdinaand Maarkos labsiin kun tattaaffii lubbu baraaraa, gargaarsa dhiyeessuufi hojii bakkatti deebisuu akka saffisiisu ibsaniiru.

‎Haalli itti maallaqni gargaarsaa argamuufi deggersa namummaa kanneen qaqqabsiisuuf adeemsa barbaachisuuf haala akka mijeessu ibsaniiru

‎Balaa kanaan lammiileen Kuma 500 caalan qe’ee isaanii irraa yoo buqqa’an, kanneen Miliyoona 1.4 ta’an irra hubaatiin qaqqabeera.

‎Obomboleettiin kun kirkira Lafaa rektar iskeelii 6.9 ta’uun galmaa’e, Bulchiinsa Seebuu keessatti namoota 30 galaafate hordofee kan uumame ta’uu ibsameera.

‎Kalmaa’egiin Filiippiinsi tti, naannolee 12 biyyattii keessaa 10 irratti hubaatii qaqqabsiisuu akkan oolle ibsamu kun gara Giddu Galeessa Veetnaamitti imalaa jiraachuu isaa Anadolu fi BBC’n gabaasaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply