AMN Plus – Onkoloolessa 27/2027
Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp taarifa guddaa fayyadamuu isaaniitiin Mana Murtii Olaanaatti gaaffii cimaan isaan mudate.
Adeemsi tarsiimoo taarifaasaanii dinagdee addunyaa irratti dhiibbaa guddaa akka qabus ibsame.
Tiraamp bu’uura oomishaa Ameerikaa deebisuu fi madaallii daldalaa ishee sirreessuuf taarifni kun akka barbaachisu yoo himan, abbootiin murtii harki caalaan isaanii murtee kana mormaniiru.
Dhaabbileen daldalaa xixiqqaa hedduu fi gareen naannolee bulchiinsa tokko tokkoo murtee Tiraamp mormaa kan jiran yoo ta’u, isaanis pirezidaantichi taarifa kana kaa’uu irratti aangoo isaa darbee akka fayyadame kan ibsan.
Manni murtii olaanaa Ameerikaa sagalee caalmaa konsarvaatiivii 6-3 kan qabu yoo ta’uu yeroo baay’ee murtee gurguddaa irra ga’uuf ji’oota fudhata.
Haata’uu malee dhimma kana irratti saffisaan socho’un dhiibbaa bulchiinsi Traamp aangoo pirezidaantummaa babal’isuuf taasisaa jiru ilaalaniiru.
Kaffaltiin taarifaa doolaara biiliyoonaan lakkaa’amu sassaabameera. Bulchiinsi Tiraamp yoo moo’ame mootummaan doolaara biiliyoonaan walitti qabe keessaa muraasa deebisuu akka qabu ibsameera.
Ministirri Maallaqaa Iskoot Beessent, Ministirri Daldalaa Hawaard Luutnik fi bakka bu’aan daldalaa Ameerikaa Jamison Gireer dhaddacha irratti kan hirmaatan Manni murtichaa murtii haqa qabeessa kennuu yoo baate gara aangoo taarifa birootti akka ce’an ibsuu isaanii BBC gabaase.
Shuumii Badhaasootiin