Fiigichi qaxxaamura biyyaa Jaanmeedaa Dilbata gaggeeffama

You are currently viewing Fiigichi qaxxaamura biyyaa Jaanmeedaa Dilbata gaggeeffama

AMN PLUS – Onkoloolessa 28/ 2018

Fiigichi qaxxaamura biyyaa Internaashinala Jaanmeedaa marsaa 43ffaf Dilbata dhufu geggeeffama.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa dorgommii kana ilaalchisuun ibsa kenneera.

Atileetota naannolee 10, bulchiinsa magaalaa lamaa fi kilaboota dhuunfaa irraa walitti bahan walumaagalatti Atileetota 1,029 ta’aan hirmachisuun akka gaggeeffamu perezdaantin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa komaandar Atileet Silashii Siihin himan.

Atileetota dorgommii kana injifataniif badhaasni waancaa, maallaqaa fi hidhannoo ispoortii ni kennama jedhaniiru.

Atileetonni sa’aatii safisaa galmeessuun dorgommii kana injifatan Itoophiyaa bakka bu’uun shaampiyoonaa fiigichaa qaxxaamura Idil Addunyaa Amerikaa Filooriidaatti gaggeeffamu irratti akka hirmaatan ibsan.

Kadijaa Ifaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply