Itoophiyaan jijjiirama hawaasaa qabatamaa ta’e fiddeetti- Ambaasaaddar Fayisal Aliyyii

You are currently viewing Itoophiyaan jijjiirama hawaasaa qabatamaa ta’e fiddeetti- Ambaasaaddar Fayisal Aliyyii

‎AMN Plus- Onkoloolessa 28/2018

‎Yaa’ii Misooma Hawaasaa 2ffaa Doohaatti adeemsifamaa jiru irratti Itoophiyaan gama misooma hawaasaan waggoota muraasa as jijjiirama qabatamaa ta’e fiduun ishee Ambaasaaddar Fayisal Aliyyii ibsaniiru.

‎Ambassaddar Fayisel Aliyyi Itoophiyaan tarsiimoo fi imaammata hiyyummaa hir’isuu, fayyaa, barnoota, dubartoota aangessuu, cehumsa dijitaalaafi wabii nyaataa irratti xiyyeeffachuun hojjachaa jiraachuu beeksisaniiru.

‎Yaa’ii kana irratti hiyyummaa balleessuufi misooma hawaasaa mirkaneessuuf biyyootni akka wal tumsan waamichi dhiyaachuu odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply