Golli Oromiyaa Waktiilee Hunda Misooma- BKO

You are currently viewing Golli Oromiyaa Waktiilee Hunda Misooma- BKO

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 27/ 2018

‎Naannoon Oromiyaa karoora qabame galmaan gahuuf carraa naannichi misoomaaf qabu hunda hojiirra oolchaa jiraachuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa hime.

Naannichi Ganna Roobaafi Bona Jallisiin hojjachuun waktii hunda waktii misoomaa gochuuf hojjatamaa turuu himeera.

‎Jijjiiramni damee qonnaatiin galmaa’aa jiru galmoota gurguddoo misooma baadiyaa, wabii nyaataa mirkaneessuu, alergii guddisuu, oomisha alaa galu biyya keessatti bakka buusuufi carraa hojii uumuu milkeessuu akka danda’u agarsiistuu ta’uus eere.

‎Qonna Ganna bara kanaatinis lafti hektarri mil.10.4 misoomee sassaabamaa kan jiru yoo ta’u,miisoma qamadii jallisii bonaatiinis lafa heektara Mil. 4 irratti misoomsuuf karoorfamee hojitti galamee jira.

‎Kanaanis lafa heektaara 734,260 qophaa’e keessaa hanga ammaatti lafti heektarri 357,133 misoomaa jiraachuu Biiroon kominikeeshinii Oromiyaa ibseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply