“Icciitii keenya biyya biraatu bara”- Buzaayyoo Daggafaa (PhD )

You are currently viewing “Icciitii keenya biyya biraatu bara”- Buzaayyoo Daggafaa (PhD )

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 30/ 2018

‎Ulaan galaanaa icciitii biyyaa ta’uu Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Buzaayyoo Daggafaa (PhD) himan.

Dooktar Buzaayyoon turtii AMN Dijitaal waliin taasisaniin Jibuutiin waan biyya alaatti erginuu fi waan biyya alaatii galchinu hundaa ilaalti jechuun, biyyi tokko iccitiishee hin dhokfattu taanaan nageenyi biyyaalessaashee harka nama kaanii seena, karoorfachuus hin dandeessu jedhaniiru.

‎”Injifannoo Aduwaa 2ffaa kan ta’e hidhi haromsaa erga milkaa’ee, dhimmi ulaa galaanaa mana Itoophiyaatti balbala taasisuus ni milkaa’a” jedhan.

‎Ulaan galaana Itoophiyaa dugda baasii kenname kan jedhan Buzaayyoo Daggafaa (PhD) Shaabiyaan TPLF leenjisee aangoo ADWUI akka qabatu waan taasiseef TPLF immoo mootummaa Itoophiyaa qabatee ulaa galaanaa qaamni tokkoyyuu osoo hin murteessin akka kennaatti Eritiraadhaaf laatani jechuun dubbataniiru.

‎Itoophiyaan biyya ulaa galaanaa waliin uumamte malee biyya ulaa galaanaa malee uumamtee gaaffii ulaa galaanaa dhiyyeessitu miti jedhanii, “kana booda waa’ee ulaa galaanaa milkeessuu malee duubatti deebisuun hin danda’amu” jedhaniiru.

‎Ulaa galaanaa waliif kennanii fudhachuun waan haaraa miti kan jedhan Buzaayyoo Daggafaa (PhD), biyyoonni Awurooppaa afurii fi Biyyoonni Afirikaa shan waliigalteedhaan qarqara galaanaa waliif laachuus yaadachiisan.

‎Biyyoonni guddatanii fi hin guddanne ulaa galaanaa qabaachuuf dhabuudhaan adda ba’u jedhanii, Hayyoonni biyya keessaafi alaa, Ambaasaaddaroonni Itoophiyaa biyyoota addaddaa jiran ajandaa isaanii ulaa galaanaa taasisanii fooramiiwwan qopheessuu fi paartiileen siyaasaa, manneen amantaafi dhaabbileen addaddaa ibsa ejjennoo baasuun Itoophiyaan ulaa galaanaa shiraan dhabuu ishee Addunyaaf ibsuu akka qaban himaniiru.

‎Daraartuu Tarreessaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply