Raayyaan Ittisa Biyyaa FDRI Naannoo Amaaraa Godina Wallo Kaabaatti garee finxaalessaa Aanaa Laastaa keessa qubatee ture irratti tarkaanfii fudhateen miseensota garichaa dhabamsiisuu beeksiseera.
Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajajaan Itti Aanaa Kutaa Waraanaa Sinxiqi Kumalaan Abdii Mahaammad, kasaaraan namaafi meeshaa hedduun akka irra ga’e ibsaniiru.
Meeshaalee gareen finxaalessaa kun saamuun dhimma itti ba’aa ture konkolaataa, doqdoqqeefi meeshaaleen wal’aansa fayyaa hedduus akka to’ataman ibsuu isaanii odeeffannoon Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa argame ni agarsiisa.