Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Yaa’ii jijjiirama qilleensaa COP-30 Biraazilitti taa’amu eegaluun duraa jijjiirama qilleensaa namoota miliyoonaan lakka’amu buqqisaa jiruuf addunyaan fala akka kaa’u akeekkachiiseera.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Komishinii Olaanaan Dhimma Buqqaatoota (UNHCR), waggoota kurnan darban keessatti jijjiirama qilleensaatiin namootni miliyoona 250 ol ta’an qe’ee isaanii irraa akka baqqa’an gabaaseera.
Ammas guyyaatti buqqaatoota kuma 67 ol sababa jijjiirama qilleensaatiin qe’ee akka gadi dhiisan gabaasni kun hima.

Balaawwan akka lolaa, ho’a rikardii cabsee akkasumas hanqina bishaaniin lammiileen qe’eesaaniirraa godaanuu Hogganaan Dhimma Baqqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Filiippoo Graandi gabaasa isaaniitiin ibsaniiru.
Konfiraansiin Biraazilitti tibbana gaggeeffamu dhiibbaa jijjiirama qilleensaa kana ittisuuf tattaaffii taasifamu deebisee dammaqsuuf abdii akka kaa’uus ibsameera.
Buqqaatotaaf gargaarsa %40 haguuguun kan beekamtu Ameerikaan, bara bulchiinsa Traampittu harka dachaafachuun UNtti yaaddoo uumeera.
Rakkoo jijjiiramni qilleensaa fidaa jiru kan irratti mar’achuuf hirmaattonni kuma 50 ol biyyoota 190 irraa walitti dhufuun Biraaziilitti akka mari’atan Aljaziiraan gabaaseera.
Itoophiyaan jijjiirama qilleensaa kana to’achuuf sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuun biiliyoona 48 ol dhaabde qilleensa gaanfa Afriikaa bayyanachiisaa jiraachuurra darbee muuxannoonshee gara Keeniyaafi Ruwaandaatti ce’uunillee ni yaadatama.
Shuumii Badhaasootiin