Humni Qilleensaa Itoophiyaa mallattoo walabummaa biyyaati jedhan Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa FDRI Leetenaala Jeneraal Yilmaa Mardaasaa.
Kabaja Waggaa 90ffaa Hundeeffama Humna Qilleensaa Itoophiyaa ilaalchisee ibsi miidiyaaleef kenname.
Ibsicha kan kennan Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Leetenaant Jeneraal Yilmaa Mardaasaa Guyyichi sagantaalee garaagaraan hanga Sadaasa 20tti kabajamuun Sadaasa 21 ammoo bakka aangawoonni olaanoon biyyatti argamanitti karaa sadarkaa isaa eeggateen kabajama jedhan.
Sagantaawwan qabaman keessaa tokko Fiigicha daandii irraa kiiloo meetira 10, Agarsiisni imala humna qilleensaa, akkasumas mariiwwaniifi sagantaalee garaagaraan kan kabajamu ta’uu himan.
Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaa sagantaa kanatti fayyadamuun magaalatti beeksisuuf hojjetamaa jiraa jedhaniiru.
Sanyii Taaddasaatu Gabaase