Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan Kalaqni, ariitiifi qulqullinaan hojjechuun yeroo mara qajeelfama hojii ta’uu qabu jedhan.
Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, turtii magaalaa Dabra Birhaanitti taasisaniin warshaa konkolaataa kurfeessu, warshaa Burcuqqoofi Qaruuraa daawwachuu ibsaniiru.
Warshaaleen kunneen galtee biyya keessaa fayyadamuun fi oomishaalee alaa galan bakka buusuun baasii sharafa alaa hambisaa akka jiran eeraniiru.
Warshaan Indaastiriyaalaa kurfeessa konkolaataa Fibeelaa suphaa konkolaataa irraa eegalee guyyaatti konkolaataa 12 oomishuuf dandeettii akka qabus kaasaniiru.
Dabalataanis warshaa oomisha qaruuraa Deedee Bootil guyyaatti qaruuraa kuma 400 fi kuma 50 oomishuu danda’u daawwachuu ibsaniiru.
Dhaabbatichi galtee %86 kan biyya keessaa fayyadamuun qaruuraawwan warshaalee dhugaatiifi qorichaaf oolan kan oomishu ta’uu eeraniiru.
Sosochiiwwan hojii daawwatan damee hundaan qulqullinaafi ariitiin hojjechuun guddina yaadame yeroo gabaabaa keessatti milkeessuun akka danda’amu kan agarsiisanidha jedhan.